Yeroon Qabxiin Kutaa 12ffaa Itti Ifoomu Nu Dhaqqabeera! Barattoonni… — Freshman Course — TG.ME

Yeroon Qabxiin Kutaa 12ffaa Itti Ifoomu Nu Dhaqqabeera!

Barattoonni qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 (A.L.I) fudhattan hundi, har'a galgala sa'aatii 1:00 irraa eegaltanii qabxii keessan ofiin ilaallachuu akka dandeessan isin beeksifna.

Dabalataanis, barataan qabxii isaa ilaallatee komii ykn gaaffii qabu kamiyyuu qaamaan iddoo tokkoyyuu deemuu osoo hin barbaachisin, marsariitii dhimma kanaaf addatti qophaa'e fayyadamuun iyyata isaa dhiyeessuu akka danda'u ifoomeera.

Komii kana dhiyeessuufis har'a irraa eegalee hanga Hagayya 26 waaree booda sa'aatii 10:00tti qofa yeroon kan kenname yoo ta'u, deebii iyyata keessaniis achuma marsariiticha irratti hordofuu akka dandeessan mirkanaa'eera.

Kanaafuu, barattoonnii fi maatiin barattootaa filannoowwan sirrii nuti asii gaditti isiniif dhiyeessine qofa fayyadamuun qabxii keessan haala salphaan akka ilaallattan isin gorsina.


Filannoowwan sirrii qabxii ittiin ilaallattan:
📌 Marsariitii (Website): https://result.eaes.et
📌 Telegiraamii (Telegram): https://result.eaes.et/telegram
📌 Ergaa Gabaabaa (SMS): https://result.eaes.et/sms
📌 Komii dhiyeessuuf (Complaints): https://result.eaes.et/complaint


🔗@EntranceExamInfo ⭐
📎@EntranceExamInfo⭐
❤2
August 25, 2026 287