#Amaloota_Namoota_Dafanii_Aaranii_10n:
1. Onnee Qulqulluu Qabu:
✅Aariin isaanii gubbaama qofa. Keessoo isaaniitti haaloo fi summii yeroo dheeraa xaxani qabachuu hin beekan.
2. Fakkeessuu Hin Beekan:
✅Keessoon isaanii fi gubbaan isaanii tokkuma. Fuula lama qabaachuu fi duubatti shira xaxuu hin beekan.
3. Dafanii Dhiifama Gochuu:
✅Akkuma dafanii aaran, aariin isaanii erga qabbanaa'ee booda dafanii dhiifama godhu, waan darbes ni dagatu.
4. Dhugaadhaan Nama Amanu:
✅Onnee guutuun nama amanu; namoota biroo irraas dhugummaa fi amanamummaa qofa eegu.
5. Jaalala Ho'aa Qabu:
✅Aariin isaanii akkuma ho'aa ta'e, jaalalli fi kunuunsi namoota jaallataniif qabaniis baay'ee gadi fagaata. Onnee guutuu jaalata.
6. Garaa Laafeyyiidha:
✅Yeroo namni biraa rakkatu ykn miidhamu dafanii garaa isaaniitti dhaga'ama, gargaarsaafis qophaa'oodha. Namaa yaadu.
7. Duubatti Nama Hamachuu Hin Beekan:
✅ Waan komatan dura keetti dubbatu malee, duuba keetiin nama hamachuu fi shira xaxuun isaan bira hin jiru. Dhoksaa hin beekan. Iftoomina qabu.
8. Dafanii Dhiifama Gaafatu:
✅Erga tasgabbaa'anii booda yoo dogoggoraniiru ta'e, boona malee dafanii "naaf dhiisi" jedhanii dhiifama gaafatu.
9. Miira Isaaniitiif Amanamoodha:
✅Miira isaanii (gammachuu, gadda, aarii) dhoksuuf hin yaalan; waan dhugaatti isaaniitti dhagahamu calaqqisiisu. Sobaaf hin yaalan.
10. Amanamummaa Cimaa Qabu:
✅Hiriyaa ykn nama jaallatan tokkoof amanamummaa guddaa qabu; yeroo dhiphinaas cinaa namaa irraa hin fagaatan. Obsi gowwummaa irraa gargari. Obsuun gaariidha. Ta'us garuu daangaa qaba.
♻️Join & 🔗SHARE
╔════════════╗
#Qaroo_Waamaraa
╚════════════╝
https://t.me/ForAllthingsEye
5
1
1
1September 8, 2026 502 6