Guula harkisa dubbii Guca fagootii mul'atu Gudunfaa kee hiikuuf… — Qaroo Waamaraa — TG.ME

Guula harkisa dubbii
Guca fagootii mul'atu
Gudunfaa kee hiikuuf
Harkonni koo hollatu

Na hudhee imimmaan
Ija kee ilaalee
Ati deemuuf kaanaan
Waan maluun walaalee

Yoo adeemuuf kaatu
Sagal wal mil'annee
Wal quufuu dadhabnee
Dirqiin gargar baanee

Hidda humna qabu
Biqiltuukootu naa late
Ija koo utuun taane
Onneekootu si jaalate

Qilleensi gara birraa
Gara gaariitti bubbisa
Guyyichi naaf ga'ee
Yoom dhufee si dubbisa

Yaada biraa hin qabu
Yaadakeet na huuqqisa
Halkan hirriban qabu
Siin argachuufan wixxisa


Ani jedheef miti
Garuu Situ Beeka

♻️Join & 🔗SHARE
╔════════════╗
#Qaroo_Waamaraa
╚════════════╝
https://t.me/ForAllthingsEye
❤7👏3🔥1🥰1
September 7, 2026 808 5