Haadduu Gabroomfattuu
Sibuu Guutoo Laf Naqamtee
Giiftii Qannoo biqilchate
Urjii aartii cichoominaa
Faajjii Qabsoo Bilisummaa
โArtistโ Ilfee
Ulfinasheen geggeessiteโฆ
Ilmaa ilmeef laattee qabdoo
Dukkan keessa urjii taatee
iftee guddooโฆ
Harma muraa Haadha Oromoo
Booree baafte booree gadooโฆ
Harka muraa, abbaa qomoo
Abbaa biyyaa Dhiira Madoo..
Badaa baafte diina iddooโฆ
Hadhaa walโaansoo, wareegamaa
Umrii kan kee ijoollummaa
Itti fixxee bar moosinnaa
Harmee Oromoo Ilfee Qannoo
Irbuu Oromoof Oromummaa
Haadduun diinaa homaa hinbaatu
Haadduu Gabroomfattuu doomtee
Rifeensa kee mataa gogaa
Qaruuraadhaan itti haadamte
Qara hinbulle warri cubbuu
Daaraa bubbeen fuute taate!
Akeekaa kaayoon gomboobdeen
Akka haada gubbaa Gaalaa,
Dhaloota walitti hiitee booddeen
Mulโanni kee inni dheeraan
Bulee gaโee mataa buusee
Galma gaโiinsaaf birmadeeโฆ
Citeeโn hafuu bara baraan
Lugaamaafi cancala haafaa
Ciree kukkute finni
Waanjoo diinaa dursee jifaa
Harโa gaโee si baannataa
Walabummaa waliibiifaa
Galata siif galcha Sabni!!
Artis Ilfee Sagaleeshee
โTulluu raasuโ
Ifa aduuf qara biiftuun
Miila miti Miira kaasu,โฆ
Ganni Herreg- Dhiiraa
Hagayya Haawwonnii
Waan ati gumaachiteen
Halkan Qaammee kanaan
Seenaa kee jireenyaan
Yaadata dhaloonni#
Fulbaana 7,2026
๐๐๐๐๐๐๐๐ง๐ง๐จ๐จ ๐๐๐๐๐ฅ๐๐ญ๐๐๐, ๐๐ก๐๐๐ง๐๐๐ฅ๐ข๐ข ๐๐๐ฅ๐๐ ๐ข๐ซ๐๐๐ฆ๐ข๐ข ๐๐๐๐ง๐ฒ๐๐ "๐๐๐๐" ๐๐จ๐๐ก๐๐
๐ t.me/Fastsinfo99
๐ด ๐ด ๐ด
1September 8, 2026 417