๐ณ Seenaa Lagatame๐ด๐ด
(The Denied history.)
--------------.
Ijaarsa biyyaa keessatti qooda Oromootaa.
------------
A- Doobbaa. (Doba)
---------
Bara 1590 G. C. Dura, oromoon kaaba itiyoopiyaa keessaa qubsuma Akka hin qabne barreessitoonni tokko tokko himaa ture, Ammas barreessaa jiru. Garuu qooda Oromoon Seenaa itiyoopiyaa keessatti qabdu dagatanii ossoo hin tahin Seenaa Lagatantu Jรญra.
***
Bara 70 BC. Dura, Gosti kuush hedduun isaanii hamma qarqara ykn handaara bahara diimaatti wal cinaa qubachaa Akka turan ragaa hedduu dhiheessuun ni dandahama.
Abuura imaayarri Aksum gara adda addaatti godhaa tureen wal qabatee Gosti hedduun qubsuma jalqaba irraa dhiibachuu eegalte.
Gariin isaanii saba irraa cittee hafte.
Lafa qubsuma oromoo. turan keessaa Akka fakkeenyaatti, Abaargalee, bareentuu, Booroo, gaara lataa,, Hargiiggoo (Argiigo)
Dabaroofi k. K. F. Maqaa dhahu ni dandeenya.
(... Gara'lata in center of tigray...)
"Conti Rossi:, tedese tamerat."
--------
Lammiin biya Portugaal, kan Bara 1520 - 1526tti, itiyoopiyaa keessa jiraachaa ture, , Francisco Alvarez barruu isaa keessatti Akkana jechuun ibse.
".. Qarqara bahara diimaa cinaa, bakka Baranbaas (bahara Nagash)
Jedhmtu jira, Bulchaan iddoo sanii Doorii jedhama. magaalaan inni keessa qubatee jiru Maqaan isii "dabaaroo" jedhamti. " magaalaan qarqara galoo galaana irra jirtu maqaan isii Hargiigoo (Argiigo) Akka tureefi dabalataanis galoo Adoolaa ( Adolis) toohachaa Akka ture ibsee Jรญra.
Maqaan Adolis jedhu Moggaasa Adoola ykn Adoolaa jedhu irraa Akka dhufe beeytu? Gosti Naannawa San qubachaa turte sabn saaho Hamma Ammaatti maquma Adoolaa jedhuun waamaa jiru. Moggaasa jecha afaan oromoo Adoolaa jedhu irraa dhufe.
***
Doobbaa (doba)
-----------.
Seenaa itiyoopiyaa keessatti maqaan Doobbaa jedhu hedduu beekamaadha. Keessattuu Bara jiddu Galaa (medival era) keessstti
Maqaan kun bifa gara garaatiin kitaaba adda addaa keessatti ka"a ture.
Dura,, Doobbaa jechuun maqaa gosa oromoo walloo hoggaa tahu mana 15nan, warra Rayyaa keessaa isa tokko. Oromoon walloo gosa Doobbaa tanaan doobbicha, doobb"a jechuun maqaa jaalalaatiin waamu. Jaarraa 9ffaa irraa eegalee oromoon kaaba itiyoopiyaa keessa Akka turte gosa Doobbaa qofa ossoo hin tahin gosti Akka Aannaa, waajjiraa ( waajjiraat) wajii (mag)
Machaaree, Ashangee Daarimuu Dhaalantaa (dalanta) ragaadha.
Bara Yukon Amlak irraa kaassee Gosti Doobbaa mootoota habashaa wajjiin wal waraanaa Akka turan barreeffamee jira. Gosti Doobbaa oromo Akka tahan kitaaba francisco Alvarez irratti ibsamu qofa ossoo hin tahin haala isaan keessa turan ibsee Jรญra. "...the country which is named Doba.... Which is quite a journey from the lordship of land... There is same mountains.,.. One historical mountain called" "lamalemmo.
There is a winter... This month called" caama"....itti fufa....
---------
Madda
-------
Charles beceingham,_19y1
Teddes tamerat, church and state. P-60
Cotib Rossi :(storia of ethiopie, 139
Romusio-1550, (Narragansett et, villeggio Vin 1550
G. W. h. Huntingford, 1961.p-229
Francisco Alvarez - 1540.
The source of text is "Oromo Graphya"
๐๐๐๐๐๐๐๐ง๐ง๐จ๐จ ๐๐๐๐๐ฅ๐๐ญ๐๐๐, ๐๐ก๐๐๐ง๐๐๐ฅ๐ข๐ข ๐๐๐ฅ๐๐ ๐ข๐ซ๐๐๐ฆ๐ข๐ข ๐๐๐๐ง๐ฒ๐๐ "๐๐๐๐" ๐๐จ๐๐ก๐๐
๐ t.me/Fastsinfo99
๐ด ๐ด ๐ด
2
1September 5, 2026 604 1