> "Assalaamu Alaykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu.
Kabajamtoota Jama'aa keenya, akkuma yeroo darbe sagantaan qiraatii hanga guyyaa itti dhaabatu isin beeksisnutti akka itti fufu isiniif ibsinee turre, amma yeroon isaa gaheera. Barnoonni idilee keenya torban dhufu waan xumuramuuf, sagantaaleen keenya hundi—sagantaa qiraatiis ta'ee sagantaan kitaabaa—hanga bara haaraatti nagaan walitti deebinutti ammaaf kan dhaabatan ta'uu kabajaan isin beeksisna. Yeroo boqonnaa gaarii isiniif hawwina; du'aa'iidhaan wal haa yaadannu!"
Jama'aa @JDBCMSJ
3August 6, 2026 290