Jechi kun Muslimoota ijaarsa biyyaa, beekumsa maddisiisuu, saayinsii, siyaasa, aadaa, ijaarsa dhaabbilee, iddoo murteessummaa fi ajandaawwan biyyaalessaa irraa kan fagaatan godhee dhiyeessa.
Muslimni akka barsiisaatti hin ilaalamu. Akka saayintistiitti hin ilaalamu. Akka abbaa fardiitti hin ilaalamu. Akka qopheessaa imaammataatti hin ilaalamu. Akka abbaa seenaattis hin ilaalamu. Akka lammii guutuuttis hin lakkaa'amu. Hawaasa amantaa qofa akka ta'etti lakkaa'ama.
B) Muslimoota damee lama qofatti murteessuu
🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺
Ilaalchi balaa qabu lammaffaa fedhii Muslimoota damee lama qofa jechuunis sagaduu fi daldaluudhaan daangessuudha.
Ilaalchi kun Muslimoonni masgiida keessa akka turan yookiin daldala irratti akka bobba'an hayyamuu danda'a. Garuu barreessuu seenaa, seenaa biyyaalessaa qopheessuu, imaammata barnootaa, ijaarsa dhaabbilee, ittisa biyyaa, abbaa seerummaa, tajaajila siiviilii, miidiyaa, dhaabbilee aadaa, iddoo murteessummaa, mallattoolee biyyaaleessaa fi miira abbaa biyyummaa keessatti hirmaattota walqixa akka hin taane karaa al-kallattiitiin dhiibbaa taasisa.
Gaaffii Lamummaa Gara Bilisummaa Amantaatti Gadi Buusuu
⭕⭕⭕⭕⭕⭕⭕⭕⭕⭕⭕⭕⭕
Maddi rakkoo tokkuma; Muslimoonni Itoophiyaa gaaffii kaasan kamiyyuu akka “gaaffii amantaa” qofatti lakkaa'uudha.
Garuu gaaffiin dhugaan kunooti፦
Muslimoonni biyya tana irratti gaaffiin isaan kaasan gaaffii amantaa qofaa? Deebiin isaa ifaadha: Lakki, miti.
Gaaffiin Muslimoonni kaasan gaaffii lamummaati. Waa'ee haqaa yeroo dubbatan, waa'ee bakka bu'iinsa dhaabbilee yeroo gaafatan, waa'ee seenaa yeroo falman, waa'ee aadaa fi hambaa yeroo gaafatan, waa'ee hirmaannaa diinagdee yeroo mari'atan, waa'ee faayinaansii Islaamaa yeroo kaasan, waa'ee carraa barnootaa walqixaa yeroo dubbatan, waa'ee carraa hojii hirmaachisaa yeroo gaafatan, waa'ee mirga dubartootaa yeroo kaasan, waa'ee mirgoota namoomaa yeroo mari'atan, waa'ee fayyadama lafaa yeroo falman, waa'ee hammamtaa dhaabbilee yeroo gaafatan, waa'ee murteessummaa yeroo mari'atan, gaaffiin isaan kaasan hundi gaaffii lamummaati.
Kun gaaffii masjiidaa qofa miti. Kun gaaffii hijaabaa qofa miti. Kun gaaffii majliisaa qofa miti. Kun gaaffii lamummaa walqixaati.
Amala Gaaffichaa Jijjiiruu
💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥
Hawaasni tokko gaaffii mirgaa yeroo kaasu “dhimma amantaa qofa” jedhanii moggaasuun dhugumatti amala gaaffichaa micciiruudha.
Gaaffiin haqaa gaaffii amantaa miti. Gaaffiin hirmaannaa diinagdee gaaffii amantaa miti. Gaaffiin aadaa fi hambaas gaaffii amantaa miti.
Gaaffiin bakka bu’iinsa seenaas gaaffii amantaa miti. Gaaffiin dhaabbilee mootummaa keessatti hirmaachisaa ta'uus gaaffii amantaa ta'uu hin danda'u.
Gaaffiin mirga dubartootaa Muslimaa ykn Kiristaanaa gaaffii amantaa miti. Gaaffiin imaammata barnootaas gaaffii amantaa miti. Gaaffiin bakka bu'iinsaa gaaffii amantaa akkamitti ta'a?
Kanneen hundinuu gaaffiiwwan lamummaa, haqa, walqixxummaa fi ijaarsa biyyaati.
Wanti nama dinqu maali? Barattuun Muslimaa tokko sababa hijaaba isheetiif yoo miidhamte, kun dhimma mirga dubartootaati moo dhimma majliisaati? Hambaan seenaa Muslimootaa seenaa biyyaalessaa keessaa yoo dhabame, kun dhimma aadaaf hambaati moo dhimma amantaati? Faayinaansiin dhalaarraa bilisa ta'e akka barbaadame gahuu dhabuun dhimma imaammata diinagdee hirmaachisaati moo dhimma amantaati?
Lammiin Muslimaa tokko dhaabbilee mootummaa keessatti carraa walqixa akka argatu yeroo gaafatu, kun gaaffii lamummaati moo amantaati?
Federaalaas ta'ee naannotti biirookraasii keessatti, abbaa seerummaa keessatti, mana marii uummataa keessatti ykn waltajjii murteessaa keessatti gaaffiin bakka bu'iinsaa dhihaatu dhimma amantaatii?
Gaaffiiwwan kanaaf deebiin ifaadha. Rakkoon jiru rakkoo dhaabbilee amantaa miti; rakkoo dhaabbileen biyyaalessaa hunduma hammatanii ijaaramuu dhabuu isaaniiti.