Oduu_Ammee! Firiin Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2018… — Biiroo Barnoota Oromiyaa — TG.ME

#Oduu_Ammee! Firiin Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2018 Ibsame. BBO - Hagayya 16/2018 Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa Qabxii Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2018 Ifoomse. Haaluma kanaan, bara 2018, akka waliigalaatti barattoonni 550,201 qormaata Kutaa 12ffaa fudhatan. Kanneen qormaata darban 70,544 (12.82%) Oromiyaa keessatti, barattoota qormaata fudhatan keessaa 20,877 (10.53%) qormaata darbaniiru. #Manneen_barnootaa_barattoota_isaanii_100% dabarsan: - Biyyaalessaa: 88 - Oromiyaa: 37 #Qabxii_olaanaa_biyyaalessaa: - Damee Barnootaa Saayinsii Uumamaa (#Natural_Science): 591 – Mana Barnootaa #Bultii_Addaa_WMO_Adaamaa irraa yoo ta'u, - Damee Barnootaa Saayinsii Hawaasaa (#Social_Science) 576 – Mana Barnootaa Ifa Boruu #Bultii_Addaa_Dodolaa irraa ta'uun beekameera. Qabxii 'Remedial 'kan argatan ilaalchisee odeeffannoon bal’aan fuula dura ibsama. @B_B_O2

August 23, 2026 397