REMEDIAL 2019💥
Ministeerri Barnootaa akka ifoomsetti bara kana barattoota sagantaa fooyya'insaa(Remedial Program) kan simatu yuunivarsiitii muraasa jedhameera; kana jechuun qabxiin darbiinsa barattoota REMEDIAL kan baroota darbaniirra carraan ol kahuu isaa bal'aadha.
Adeemsa keessa system remedial kana hambisuuf ykn yuunivarsiitii orii murteessuudhaan remedial qofa akka simatan taasisuutti akka dhufu system tokko tokko ni mul’isa. Tahus bara kana barattoonni qabxii darbiinsaa (seensa yuunivarsiitii) argamsiisan 12.83% fidan barattoota walakkaa ol (300 ol) fidan jedhamee dubbatamu illee, dhibbantaan akka 50%’tti lakkaa’amus 49.5% ol kana jechuun 297/600 ol barattoonni fidan seensa yuunivarsiitii akka argatan ministeerri barnootaa ifoomsee jira.
Firiin barattoota Remedial ifoomu illee qabxii darbiinsaa fi yuunivarsiitii kamtu barattoota kanneen simata kan jedhus hanga yoonaa hin ifoomne; armaan dura yuunivarsiitiwwan biyya kanaa martuu dorgommii (galmee) ASTU fi AASTU booddee kana jechuunis Fulbaana 05 booda waamicha akka taasisan dabarseera.
Kanuma giddu galeeffachuudhaan placement guutuuf gidduu kana akka ifoomu fi qabxiin barattoota remedial daangessu meeqa akka tahes gidduu kana akka ibsamu abdii qabna.
Barattoonni darbitan bara barumsa gaarii isiniif hawwa; warreen carraa kana hin arganne isin ni kuftan miti, jireenya akka barattan, abdii akka horattan, obsa akka qabaattaniif qorumsa isiniif dhufe wanta taheef, dogoggoraaf balleessaa keessan fooyyessuudhaan irra deebiin yaalaa! Nama har’a kanaan abdii muratu osoo hin taane, boru milkaa’uuf mul’ata qabaatu tahaa! Barachuutu akkasi wanta taheef; irra deddeebiin yaalaa!🤝
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌
3September 1, 2026 728