Waamicha Barattoota MBBA #Barattoota_Kutaa_9ffaa_Manneen_Barnootaa_Bul… — ABDII SABBA — TG.ME

🔍 Waamicha Barattoota MBBA

#Barattoota_Kutaa_9ffaa_Manneen_Barnootaa_Bultii_Addaatti Ramaddii Argatan Hundaaf.
-------------
BBO-14/01/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaa barattoota qormaata Seensa MBBA darban manneen barnootaa 8 keessatti Raabsee Ramaduun ni beekama.

Kanaafuu, Barattootni ramaddiin isinii kenname hunduu #Fulbaana_20/2017 Mana Barnootaa Ramadamtanitti Simannaan waan isiniif taasifamuuf ganama sa'aatii 2:30 irraa jalqabee akka argamtan isin beeksifna.
#Fulbaana_21/2017 haala waliigalaa jireenyaafi barnootaa irratti ibsi (orientation) ni kennama.
#Fulbaana_22/2017 Manneen Barnootaa Bultii Addaa Sad. 2ffaa hunda keessatti adeemsi baruufi barsiisuu kan jalqabamu ta'a.
#Barattootni kutaa 10-12 jirtan immoo, Fulbaana 18/2017 gara mooraa MB akka galtan isin beeksisuun ni yaadatama.

https://t.me/ABDII_SABBA
👍6❤2
September 24, 2024 2.5K 4 2