Angafa Ergamootaa Qulqulluu Gabri’eel
Mana Kiristiyaanaa Ortodoksii Tewaahidootti, Ergamaan Qulqulluun Gabri’eel bakka guddaa fi kabajama olaanaa qaba. Inni ergamaa misiraachoo, labsaa ifa fayyinaa, eegaa Mana Kiristiyaanaa fi riqicha samii fi lafaati. Maqaan ‘Gabri’eel’ jedhu afaan Ibrootaatiin yeroo hiikamu ‘Humna Waaqayyoo’, ‘Jabeenya Waaqayyoo’ ykn ‘Waaqayyo Jabina kooti’ jechuudha. Kunis inni dadhabina dhala namaa iddoo bu’ee jabinaa fi aangoo Waaqayyoo isa mo’ataa ta’e kan labsu ta’uu isaa agarsiisa. Akkuma beekamu, Waaqayyo iccitiiwwan gurguddoo fi hojiiwwan fayyinaa addunyaa irratti yeroo raawwatu, ergamoota isaa warra jajjaboo, isaan keessaa immoo Ergamaa Gabri’eel isa humna Waaqayyoo of keessaa qabu adda dureen ergama. Waaqayyo araara isaa isa guddaa fi eegumsa isaa yeroo hundumaa dhala namaatiif kan inni dhaqqabsiisu harka ergamoota qulqullootaatiini; isaan keessaa Ergamaan Qulqulluun Gabri’eel daawwitii ifa fayyinaa isa hunda caaluu fi calaqqee jaalala Waaqayyoo ti.
Kitaaba Qulqulluu keessatti eegumsaa fi gargaarsa inni raajotaaf godhu gadi fageenyaan yeroo ibsamu, Kakuu Moofaa keessatti raajichi Daani’eel mul’ata inni arge akka hubatu kan gargaaree fi hiika isaa kan itti hime Ergamaa Qulqulluu Gabri’eel dha (Daan. 8:16, 9:21). Raajichi yeroo sodaatee fi raafamee of wallaaletti, qaqqabuudhaan onnee isaa jajjabeessee iccitii dhokataa ture sana kenneef. Akkasumas bara mooticha Naabukadanatsoor, dargaggoonni sadan (Anaaniyaa, Azaariyaa fi Misaa’eel) amantii isaaniitiif jecha ibidda boba’u keessatti yeroo darbataman, Waaqayyo gidduu isaaniitti kan erge Ergamaa kana ture; inni gidduu isaanii dhaabbachuun ibidda boba’aa hammaate sana gara qilleensa qabbanaa’aatti, aara isaas gara bokkaa barii dilallaa’aatti kan jijjiiree fi isaan oolche isadha (Daan. 3:25).
Qulqulluu Gorgooriyoos inni Guddichi dhugaa maqaa isaa fi uumama isaa yeroo ibsu, “Gooftaan humnootaa, inni diinota Isaa mo’uuf gara lafaa dhufu, yeroo dhalachuuf jedhutti, ergamaa ‘Humna Waaqayyoo’ jedhamuun waamamu (Gabri’eeliin) erguun isaa sirrii fi raajii ajaa’ibaati” jechuun ifoomsa. Yaada kanaan kan wal simuun immoo, Qulqulluu Jeroom, “Qulqulluun Gabri’eel ergamaa dandeettii fi humna Waaqayyoo mul’isudha. Inni dadhabina dhala namaa iddoo bu’ee jabina Waaqayyoo kan lallabe dha” jechuun ibseera. Kunis humnii fi dandeettiin Waaqayyoo addunyaatti akka mul’atuuf qooda inni fudhate haala dinqisiisaa ta’een dhugoomsa. Dhugaa kana irratti hundaa’uun, Qulqulluu Baasiliyoos inni Guddichi eegumsa inni godhu yeroo mirkaneessu, “Gabri’eel iccitii fi mul’ata Waaqayyoo raajotaaf kan ibsu, kadhannaa qulqullootaas gara fuula Waaqayyootti kan dhiyeessudha” jechuun barsiisa.
Qulqulluun Gabri’eel ibsituu sammuu fi hubannaa afuuraa ti. Uumamni isaa [isaaniis] qaama foonii irraa bilisa kan ta’e, humna afuuraa eebbifamaa fi fedha Waaqayyoo raawwachuuf saffisaa dha. Qulqulluun Yohaannis inni Damaasqoo, “Ergamoonni akka Gabri’eel fuula Waaqayyoo dura dhaabbachuun, ifa Isaatti hirmaachuun, ifa sana gara keenyatti calaqqisiisu” jedha. Kanaafuu, inni burqaa ifa sanaa irraa ifee addunyaa dukkanaa’e kana kan ibsu tajaajilaa ifaati.
Tajaajilli inni guddaan fi raajii dinqisiisaan Ergamaa Gabri’eel, iccitii guddaa Waaqayyo nama ta’uu isaa ykn foon uffachuu Dubroo Maariyaam irraa addunyaatti beeksisuu isaa ti (Luq. 1:26). Ergamichi duraan dursee mana qulqullummaa keessatti lubicha Zakkaariyaasiif mul’achuun dhalachuu Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa erga labsee booda, gara ishee filatamtuu fi qulqulleettii taate gara Qulqulleettii Durbee Maariyaamitti ergame. Akkasumas, seenaa Mana Kiristiyaanaa, [Tiwufiitii] keessatti, dhalachuu Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam warra ishee qulqulloota Iyyaaqeem fi Haannaatti kan misiraachees isuma Ergamaa ifaa fi barii kana dha.