Ittiin hin abboomamin bor sirraa baduuf malaa akka keessummaa fagoo… — Walaloo jaalalaa — TG.ME

Ittiin hin abboomamin bor sirraa baduuf malaa akka keessummaa fagoo biftis si dhiisee galaa ~ akka fixeensa barii turee sirraa harca'a biftikee lalisaan sun guyyaa tokkon manca'a ~ atis ittiin hin quufin... bifa kee qofa mitii ofii keeyyuun dhabamtaa boca kee ittiin of jajjus wajjiniin awwaalamta ~ garuu..... gadhees gaariis hojjadhu amallii kee yoomiyyuu biyyoodhaa ol jiraataa yeroo ati biyyoo nyaattus taa'ee si durii nyaataa ✍✍✍ ABDI

June 10, 2025 846 1 1