Kan ati beekuu qabdu Seeraan gad fageessitee Na bituus hin dandeessu Gurguruus na geessitee ~ Qarshiidhaan nan madaaltu An yoomiyyuu qaaliidhaa Fedhiin kee meeshaa taanaan Adeemuun kee gaariidhaa ~ Silas.. Qarshiif yoo garaa hirte Har'aa karaa kee qabda Utuu qodaan hin dhumin Barbaacha kee jalqabda ~ Malee yaa nama koo . . . Galma gabaan fakkaadha Anaan gaafa na laaltu Yeroo feete ol seentee Yeroo feete kan baatu Abdi
November 26, 2024 1.3K 1