Gumaachi hayyoota saba tokkoo qabsoo bilisummaa sabichaa keessati maal ta'uu qaba?
*********************
Gumaachi hayyoota saba tokkoo qabsoo bilisummaa sabichaa keessatti baayʼee murteessaadha. Gumaachi hayyoota saba tokkoo qabsoo bilisummaa saba tokko keessati wantoota armaan gadii keessati mulachuu qaba. Hayyuun sabaa:-
1. Eenyummaa saba sanaa tiksuu fi cimsuu
Hayyoonni seenaa, afaan, aadaa fi duudhaa saba sanaa qorachuun, barreessuun, barsiisuun eenyummaan saba sanii akka hin badne tiksu. Qabsoon bilisummaa saba tokkoo buʼuura eenyummaa irratti ijaarama. Sirni gabrummaa dheeraa eenyummaa Oromoo balleessuuf tattaaffii guddaa taasiseera. Hayyooni aadaa, seenaa, safuu fi sirna gadaa qorachuun uummata biratti beeksisuu, Oromo akka sabatti of hubatuu fi eenyummaa isaatiin boonu baayisuu keessatti gahee olaanaa qabu.
2. Seenaa dhugaa sabichaa ibsuu fi soba saba san irrati adeemu saaxiluu
Hayyooni seenaa dhugaa saba sanaa ifa baasuun, seenaa diinaan barreefame fi sobaan guutame saaxiluun, sammuu uummataa bilisa baasu. Seenesa sobaa saaxiluun dhugaa uummatichaa ifa baasu. Seenaan Oromoo yeroo dheeraaf habashootan sobaan barreefamee ture. Hayyoonni seenaa Oromoo duraa, yeroo jalqaba cunqursaas ta'e san dura qorachuun barreessuu. Kana keessati qabsoon Oromoo akka fincila ka'umsa hin qabne oddo hin taane gaaffii haqaa taʼu isaa addunyaatti ibsuuf balbala saaqa.
3. Yaada bilisummaa uummaticha hubachiisu fi yaadicha babalʼisu
Hayyoonni yaada, falaasamaa fi mulʼata bilisummaa uumuun, uummatichi akka ofitti amanu, akka kaayyoo isaa hubatu gargaaru fi kaayyoo isatiifis akka of kenu hamilee keenu. Kaayyoo bilisummaa Oromoo sirnaan ibsuun sabni Oromoo maal akka barbaadu, maaliif akka falmu haalan ibsuu. Kana keessati olola diinaa isa Oromoo akka shororkeessaati ibsuu yaalu san adunyaati saaxilu jechuudha.
4. Qabsoo Bilisummaa sabichaa karaa ogummaa qabaniin deeggaruu
Seeraa, siyaasa, diinagdee, barnoota, miidiyaa fi teeknoolojii irratti beekumsa qaban fayyadamuun qabsoon bifa ammayyaa fi buʼa qabeessa fi karaa galma isaa gahu danda'uun akka geggeefamu tajaajila, gargaarsa fi gorsa kenu. Karaa seeraa, mirga Oromoo seeraan falmuun, karaa siyaasaa tarsiimoo fi mala qabsoo qopheessuun, karaa miidiyaa sagalee Oromoo addunyaatti dhageessisuun, karaa barnootaa dhaloota dammaqaa ijaarun gahee hayyoota Oromooti.
5. Afaan saba sanaa dagaagsuu
Afaan ofii dagaagsuun yaada bilisummaa sabichaa hubachuufis ta'ee uummata qabsoo bilisummaa waliin hiriirsuuf meeshaa ijoodha. Afaan uummata gabroomee yoo jabaate, diini isaa hamileen bu'aa yeroo adeemu qabsoon sabichaa garuu jabaachaa adeema. Eenyummaa saba tokko cimsuu fi afaan sabichaa guddiisuun waliin adeema. Hayyoonni Oromoo Afaan Oromoo barreessuu, qubee dagaagsuu, afaan Oromoo afaan barnootaa, miidiyaa, saayinsii fi teeknoolojii gochuu irrati xiyyeefachuun itti gaafatama isaaniti.
6. Uummata dammaqsu fi ijaaru
Hayyoonni ofiif qabsaaʼota qofa osoo hin taane, uummata balʼaa hubannoo siyaasaa fi eenyummaa isaa kabaju uummuu danda'u. Hayyoonni Oromoo gabrummaan akka hiree uumamaa hin taʼin, akka sirna nam-tolchee taʼe uummaticha hubachiisuu keessati gahee ol-aanaa taphachuu qabu. Oromoon akka of ijaaru, akka tokkummaan isaa jabaatu kakaasuun gahee isaaniti.
7. Addunyaatti sagalee saba sanaa dhageessisuu
Hayyooni qorannoo, barruulee, miidiyaa fi qunnamtii idil-addunyaa fayyadamuun rakkoo saba sanii fi gaaffii bilisummaa sabichaa addunyaatti beeksisu. Hayyoonni Oromoo alaa fi keessaan wal ta'uun dhaabbilee idil-addunyaa waliin hojjechuu fi rakkoo fi qabsoo saba isanii addunyaatti beeksisuun hojii isaani ta'uu qaba.
👉Gabaabumatti, hayyoonni Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti qabsaaʼota sammuu, ijaarsa yaadaa fi tiika eenyummaa Oromoo taʼuu qabu.
*************
Kanaan achi isa kanaan faalaa adeemu hundan hayyuu Oromoo jechuun cubbuudha!