SIRREEFFAMA Galmee Barattoota Manneen Barnootaa Bultii Addaafi Addaa… — Shemsu Shifa✍ — TG.ME

#SIRREEFFAMA
Galmee Barattoota Manneen Barnootaa Bultii Addaafi Addaa Sad. 2ffaa Dorgommiin Galuu Barbaadan Hundaaf
Haaluma kanaan:
#Ergaawwan sirrachuu qaban #lama yoo ta'an;
1) #Iddoo_Galmee :- Iddoon Galmee ibsaman sunniin hin barbaachisan.
Kanaafuu, Galmeen Oonlaayiniin(#Online)n Waan Gaggeeffamuuf barataan kamiyyuu bakkuma barbaade jiraatee(taa'ee) #Liinkii asii gadiitti fayyadamuun #Lakkoofsa_galmee (Registration Number) kan kutaa 8ffaa ittiin qormtan galchuu, itti aansuun maqaa #Akaakayyuu(Grandfather's Name) Galchuu, itti aansee filannoon isiniif dhufu immoo, bakka itti qoramuu barbaaddan/Giddu Gala Qormaataa/(Exam Center) yoo ta'u, bakka qoramuuf isinitti dhihaatu filachuun iyyachuu (Apply) gochuu ni dandeessu.
#Guyyaan_Galmee har'a (01/12/2018) Sa'aatii ammaa kanarraa kaasee hanga Hagayya 08/2018 qofa bakka jirtanitti Giddu Gala Itti Qoramtan (#online)n filachuu galmaa'uu ni dandeessu
#Liinkichis :
https://exam.oeb.gov.et/
2) #Guyyaa_Qormaataa : Fuuldura Murteessinee isin beeksifna.
❤12👏1
August 8, 2026 7.9K 10