Amala_Gaggeessummaa_Dhugaa: ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ • Hojjetee itti… — Qajeelfama fi Labsiilee Garagaraa — TG.ME

#Amala_Gaggeessummaa_Dhugaa: ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ • Hojjetee itti agarsiisee,hojjechiisa.Jechaan osoo hin taane,gochaan agarsiisa. • Karaa kana deemaa jedhee taa'a osoo hin taane,imalee kallattii itti agarsiisa. • Gaggeessaan dhugaa,yaada qajeelaa isaaniif qaba:kunis jijjiirama  karaa hunda galeessaan kan dhufuu dha. • Gaggeessaan dhugaa fi milkaa'oon,warra isaan caalaa sabaaf ta'uu danda'an oomisha. • Karaatti abjuu isaanii dhugoomsuu danda’an irratti isaan utubee,gara milkaa'inaatti isaan geessa. • Na caaluu laata? jedhee yaadda'aa osoo hin taane,akka isa caalaniif waan danda'u hundaan isaan gaggeessa,isaan gorsa. • Mul'ata namaa "Copy" godhee itti kenna osoo hin taane, mul'ata akka qabaataniif, karaa mul’ata isaanii itti argachuu danda’an itti agarsiisa • Waanan jedhu fudhadhaa jechuu qofa osoo hin taane, irra caalaa waan bu'aa fiduu danda’u irratti fuulleffata. • Waan xiqqoo isaan hojjetaniif,beekamtii onnachiisoo kennaafi. • Tokko olkaasee,tokko gad buusuun amala gaggeessaa hubatoo fi bilchaatoo miti. • Gaggeessaa dhugaa fi milkaa'aan,of jaja of faarsa osoo hin taane,hojjettoota gaggeessuun of jaja. • Gaggeessummaa dhugaan bu'aa dhuunfaa isaa caalaa,bu'aa hojjettoota gaggeessuu irratti xiyyeeffata. • Gaggeessaan ga'umsa gaggeessummaa qabu,waan hojjetaan isaa barbaadu hubata. • Ogummaa fi hubannaadhaan ijaaramee,qarruu beekumaaan masakama. • Gaggeessaa dhugaan,hariiroo fayyaaleessa hojjettoota gaggeessuu wajjin uumuun,amala madaqfamaa isaan barbaadanii fi galmichi barbaadu walitti kan hidhuudha. • Gaggeessummaa dhugaan,hiikaa fi ergaalee dhokatoo hedduu qaba. • Gaggeessummaan amalaa fi adeemsa guutuu, karaa of danda’een kan ijaaramuu dha. #Gaggeessaa cimaa ta'uuf Wantoota armaan gadii kana qabaachuun dirqama. Kanneen kana yoo qabaatte ati dhuguma gaggeessaa cimaadha: ➊. Nama onnachiisuu yoo dandeessa ta'e. ➋. Hojiiwwan namoota hojjetanitti qoqqooduu yoo dandeessa ta'e. ➌. Haasaa waliigaltee uumuu danda'u yoo dandeessa ta'e. ➍. Si'a tokko tokko qoosaa nama kofalchiisan yoo dandeessa ta'e. ➎. Ofitti amanamummaa yoo qabaatte. ➏. Kutannoo yoo qabaatte. ➐. Yaada qajeelaa( Positive Attitude) yoo qabaatte. ➑. Mul'ata, Kaayyoo fi Galma ifaa yoo qabaatte. ➒. Rakkoo furuuf waa kalaquu yoo dandeesse. ➓. Amanamummaa yoo qabaachuu dandeesse. Dhuguma ati gaggeessaa cimaa [Gaggeessaa jijjiiramaa ta'uu dandeessa]. #Gaggeessaan cimaa qajeelfamoota YEROO beeka: ▬▬▬▬▬▬▬▬ Yeroon qabeenya qabeenyaan oliiti! Namni yeroo isaaf kennametti fayyadamu nama hubataadha. ❍ Yerootti fayyadamuun dandeettii xiyyeeffannoo namaa guddisa. ❍ Xiyyeeffannoon fiixaan bahumsa karoora keenyaaf  humna jalqabaati. Namoonni GATII YEROO(times value) beekan yommuu dubbatan: ❍ "Yakki guddaan akka yeroo balleessuu, addunyaa kana irra hin jiru." jedhu. "Yeroon kan akeekaati,akeeknis kan yerooti." ❍ Ogeeyyiin fayyaa maaliif "time is life" yookiin yeroon jireenya jedhu beektaa?? Sababni isaa lubbuu namaa darbuuf daqiiqaa muraasni hafe du’a oolchu waan ta’eef. ❍ Atileetiin yookiin warri fiigan "Time is gold" yookiin yeroon warqiidha maaliif jedhu itti yaaddee jirtaa? Sababni isaa yeroo isaaniif kenname sana keessatti fiiganii maayikiroo sekondiidhaan dursanii mo'achuun warqii argatu waan ta’eef. QAJEELFAMOOTA YEROO (PRINCIPLE OF TIME) ➊. Yeroon ni darba: ❍ Yeroo har’aaf siif kenname deebitee boru argachuu hin dandeessu.Boru waan haaraa baatee dhufa. ➋. Yeroon akeekaaf namaaf kennama: ❍ Karooraan yoo itti fayyadamne waan haaraa hojjachuu dandeessisa. ➌. Yeroon siif gaddee dhaabatee si hin eegu: ❍ Wanti har’a utuu hin xumuramin hafe, yeroo itti aanutti darba. Wanta har’a hojjachuu dandeessu har’uma xumuri malee boriif hin olkaa’in! ❏ Moo'attoonni hojii boru hojjetan har'a hojjetu! ❏ Giddu-galeessonni hojii har'a hojjetan har'uma hojjetu! ❏ Namoonni kufan hojii kaleessaa har'a hojjetu! ➲ Kanaafuu,yeroo hundumaa MOO'ATAA ta'i!!! ➍. Yerootti fayyadamuuf ogummaa cimaa gaafata. ❍ Uumamni xixiqqoon kan akka mixii yoo ilaalle halkanii fi guyyaa; wanta guddaa hojjatu.

March 18, 2024 57.6K 331