✨Baroota Hedduu Qaxxaamurte,Jabeenya Kee Laaffisuuf Ciminna Kee Dadhabsiisuuf Isaannan Ifaajan Baayyatanis Moo'annaa Jabaadhaan Bira Dabarte,Meeqa Kan Dukkana Wollaalaatiin Dhama'e Hayyuu Taasiftee Addunyaaf Ifaa Gootee Kennite,Meeqa Kan Kararraa Maqe Daandii Sirrii Itti Garsiiste.
✨Biyyi Kufte Siin Kaate,Kan Nagaha Dhabe Siin Tasgabbaa'e,Gandoonni Dukkanaa Hedduun Ifaa Keetiin Mullatte,Kan Adlii Dhabe Siin Argate,Kan Boora'e Siin Qulqullaa'e,Bulchiinsaaf Ga'aa Taate,Bulchitees Garsiiste,Gaafas Isaan Turan Mi'aan Seenaa Isaanii Addunyaaf Dawaa Tahe.
✨Kan Si Qabateef Ga'aadha Ati,Kan Siin Murteesseef Ni Geetta Haqatti Qajeeluuf,Kan Dawaa Siin Godhate Fayyaa Taateef,Gadaa Aangoon Bulmaanni Siin Taate Bineensi Of Amane,Gaafa Baroonni Dheerate,Kan Buluu Fi Bulchus Of Amanuu Dhabuu Agarre.
✨Ija Si Ilaalteef Fayyaadha,Gurra Si Dhageeffateef Qorsooma,Sammuu Si Yaadattuuf Dawaadha,Onnee Si Qabattuuf Tasgabbiidha Ati,Qubni Si Barreesse Ni Qarama,Woraqaan Of Keessatti Si Hammate Ni Khabajama,Imalli Siif Godhame Mi'aa Fi Galata Guddaa Qaba,Deemsi Hin Quufamne Kan Gara Keetti Godhamuudha,Ilaalchi Laalamee Hin Quufamne Fuula Keeti,Hayyoomtee Hayyoomsite.
✨Siin Midhaagan,Siin Bareedan,Siin Urgaa'an, Siin Mi'aawan,Siin Ulfinni,Kan Si Dhabetu Miidhame,Kan Sirraa Gara Galetu Rakkate,Kan Daandii Kee Lakkisetu Jallate,Isa Siin Oodetu Salphate,Inni Si Fakkaatu Eessatti Argama?,Inni Siin Murteessu Yoom Daba?,Galanni Kee Jabaadha.
✨Ruuhiin Teenna Dhiigni Keenna Siif,Umriin Teenna Siif Gumaacha Ga'aa Miti,Sitti Xiqqaattus Siif Kennine,Miilli Keenna Siif Hin Dadhabu,Garaan Siif Jecha Agabuu Bule Sin Komatu,Qaamni Siif Jecha Laafaa Uffate Daarahuu Isaa Hin Himatu,Miilli Siif Imale Carraa Qaba,Ijji Siif Jecha Hirriba Dhiiste Kennaadha,Silaa Jireenya Keessatti Si Qofa Argatan Gahaadha,Kan Si Argatetu Milkaa'e.........
✨ Eenyu Laata...?!
.....Itti Fufa....
@Mubaara Hasan....
https://t.me/RIIHIULMISK









