Mana Maree Dhimmoota Islaamaa Itoophiyaa, Waggaa 1501ffaa dhaloota Nabii Muhammad (s.a.w), ayyaana Mawliidaa sababeeffachuun ergaa baga geessan jedhu dabarse.
Mana Maree Dhimmoota Islaamaa Itoophiyaa, Muslimoota hundaaf waggaa 1501ffaa dhaloota Nabii Muhammad (s.a.w), ayyaana Mawliidaa sababeeffachuun ergaa baga geessan jedhu dabarse.
Ibsa kenname irratti, miseensi Koree Biyyaalessaa Mawliidaa, akkasumas Imaamaafi Khaxiiba Masjiidaa Guddicha Anwaar Sheekh Taha Muhammad Haaruun Mawliidaan qajeelfama jireenyaa Nabii Muhammad (s.a.w) barachuuf, Islaamummaa hubachuuf, akkasumas dhaloota itti aanuuf dabarsuuf gahee guddaa qaba jechuun ibsan.
Itti aansuun, Itti-aanaa Pirezidaantii Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamaa Magaalaa Finfinnee Sheek Muhammad Shariif Mawliidaan bara kanaa haala addaa qabaachuu isaa ibsaniiru. Sababni isaas filannoo gaggeeffamee ummanni Musliimaa hoggantoota isaa filatee guyyaa itti aanu irratti Mawliidaan kabajamaa jira jedhan.
7
3August 21, 2026 1.6K 1






