Hojiin yaadaafi ajandaa walitti qindeessuun sanada tokkootti fiduu… — Qubee TV — TG.ME

Hojiin yaadaafi ajandaa walitti qindeessuun sanada tokkootti fiduu hojjetameera - Komishinii Marii Biyyaalessaa

Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa, yaada furmaataa fi ajandaa gareewwan saddeet keessatti walitti qabaman gara sanada tokkootti walitti qindeessuun xumuramuusaa beeksise.

Itti-Aantuun Komishinaara Komishinichaa, Komishinaar Hiruut Gabrasillaasee, ibsa kennaniin, Gareen yaada furmaataa gareewwan saddet irraa dhiyaate walsimsiisuuf hundaa’e yaadota furmaataa walsimsiisuun sanada gurmeesse tokkoon tokkoo gareef dhiyeessuun galteen walitti qabamaa jira.

Sanadichi erga qophaa’ee booda gareewwan hundaaf dhiyaatee, gareewwanis sanada irratti yaada dabalataafi galtee kennanii turuu himan.

Komishinarittin gareen qindeessaa galteewwan xumuraa kenname hunda sanada keessatti hammachiisuun, har’a guutummaatti akka xumuru ibsan.

Sanadichi erga galteewwan dabalataa hammachiisee xumuramee booda, boru hirmaattota marichaa kuma Afuriif akka dhiyaatuus beeksisan.

Komishinaar Hiruut Gabrasillaaseen, adeemsi marii biyyaalessaa sadarkaa murteessaafi boqonnaa gaariirra ga’uusaa ibsan.

Dabalataanis uummanni odeeffannoo hin mirkanoofneefi dhugaarraa fagaate dhaggeeffachuu irraa of qusachuun, miidiyaalee dhugaa bu'uureffachuun gabaasaafi ibsa Komishinii Marii Biyyaalessaan kennamu qofa hordofuu akka qabu waamicha dhiyeessan.
❤5
August 19, 2026 2K 1