'ALLIKE Furniture'fi Meeri Didhaa Waliigaltee 'Brand' Ambaasaddarummaa isaanii Haaromsan.
'ALLIKE Furniture'fi hundeessituun Meeri Didhaa 'Promotion and Events' Meeri Didhaan, waliigaltee isaanii kan 'Brand Ambassador' ta’uun waliin hojjechaa turan waggoota sadii booda haaromsuu beeksisan.
Haaromsi waliigaltee kun bu’aafi muuxannoo gaarii waggoota darban keessatti argame irratti hundaa’uun, hariiroo hojiifi milkaa’ina waliinii caalaatti cimsuuf kan akeekame ta’uu ibsame.
Sirna haaromsa waliigaltee kanaan walqabatee, 'ALLIKE Furniture' damee haaraa naannoo Beetelitti baneen hojii isaa jalqabuu beeksise.
Itoophiyaatti bakka bu'aan hoji geggeessaa 'ALLIKE Furniture' Obbo Yohannis ALLIKE Furniture’n Meeri Didhaa Disaasaa Brand Ambassador taasisuun kan filate, muuxannoo hojii ishee, dandeettii uummata bira ga’uu, beekamtii miidiyaafi amanamummaa isheen horatte, akkasumas waggoota sadii darban keessatti waliin hojjechuun bu’aa gaarii galmeessuu ishee irratti hundaa’uun ta’uu ibse.
2August 18, 2026 1.5K






