Barattootni sadan yakka kanaan shakkaman mana murtiitti dhiyaatanii… — Qubee TV — TG.ME

Barattootni sadan yakka kanaan shakkaman mana murtiitti dhiyaatanii, ajaja kennameen beellama yeroo murtaaʼeef hidhamanii turu poolisiin beeksise.

Poolisiin ragaa barbaachisaa walitti qabuun qorannoo isaa xumuree, galmee dhimmaa kanaa qaama haqaa dhimmi ilaallatuuf erguus ibse.

Haa taʼu malee,suur-sagaleen intalli kun yeroo reebamaa jirtu agarsiisu tamsaʼuun intalattiifi maatii ishee irratti dhiibbaa hamaa uumuu waan dandaʼuuf, qaama suur-sagalee (Viidiyoo ) kana gadhiise adda baasuuf poolisiin shakkamtoota sadan irra deebiin toʼannoo jala oolchuun qorannoo dabalataa gaggeessaan jira jedhe.

Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Finfinnee, hawaasni gocha kana balaaleffachuun, namootni yakkicha raawwatan seeraan akka itti gaafataman aantummaa argasiiseef galateeffate.
❤1
August 17, 2026 1.9K 1