Poolisii Finfinnee Suur-Sagalee (Viidiyoo ) mucayyoo reebamaa jirtu… — Qubee TV — TG.ME

Poolisii Finfinnee Suur-Sagalee (Viidiyoo ) mucayyoo reebamaa jirtu tokko agarsiisuu miidiyaa hawaasaarratti bahe qorachuu ibse

Poolisiin Finfinnee suur-sagalee (Viidiyoo ) osoo mucayyoo reebamaa jirtu tokko agarsiisuu miidiyaa hawaasaarra naanna'u qorachuu beeksiseera.

Barattootni maqaan isaanii Firdoos Mahaammad, Edeen Daawwitiifi Haanii Huseen jedhaman, kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyoo, Aanaa 04,naannoo Alam Baankii jedhamuun beekamutti hiriyyaa isaanii osoo reebaa jiranii suur-sagaleen gaddisiisaan agarsiisuu tokko miidiyaa hawaasaarratti tamsaʼe.

Kana hordofuun hawaasni warreen gochicha raawwatan akka seeraan itti gaafataman hawaasni yaada isaa dhiyeessaa ture.

Poolisiin Finfinnee akka beeksisetti, gochi kun Onkoloolessa 14/2018 kan raawwatame yoo taʼu, suur-sagaleen kun miidiyaa hawaasaa irratti osoo hin tamsaʼin jiʼoota dura, shakkamtoota gocha kana raawwatan sadan toʼannoo jala oolchuun qorannoo gaggeesse.
❤3
August 17, 2026 1.8K 1