Walitti bu’iinsi Raayyaa Ittisa Biyyaafi hidhatoota TPLF gidduutti ganama har'aa uumame.
Ganama Har'aa daangaa naannoo Amaaraafi Tigraay gidduutti walitti bu’iinsi Raayyaa Ittisa Biyyaafi hidhatoota TPLF gidduutti uumame ture turtii sa'aatii muraasaan booda qabanaa'e.
Jiraattonni naannichaa DWtti akka himanitti har'a ganama Qobboo daangaa naannoo Tigraayiifi Amaaraa wal daangessutti Raayyaa Ittisa biyyaafi hidhattoota TPLF gidduutti ganama sa'aatii 1:30 irraa eegalee walitti bu'iinsi uumame.
Walitti bu’iinsa kanaan sagaleen meeshaa xixiqqaafi giddu galeessaa kan dhaga’ame yoo ta'u sagaleen meeshaa gurguddaa akka hin dhaga’amne jiraattonni himan.
Dhukaasni ka'e kunis sa'aatii 4 yeroo ta'u dhaabbachuudhaan daandiin cufamee tures banamuu jiraattonni himan

9August 15, 2026 2K 1