Qabxiin Qormaata Kutaa 6ffaa Bara 2018 Ibsame. ---------------- BBO - Adoolessa 24/2018 Naannoo Oromiyaatti Qormaatni Naannoo Xumura Barnoota Sad. 1ffaa Kutaa 6ffaa Bara 2018 Waxabajjii 08- 09/2018 kennamee tura har'a qabxiin barattootaa ifoomeera. Qabxiin darbiinsaas 50%fi ol ta'uun murtaa'eera. Qormaata kan fudhatan barattoota dhiira 267,307 dubara 249,902 #walitti :517,209 ta'an keessaa qabxii darbiinsaa (50%fi ol) galmeessisuun gara kutaa itti aanuutti kan darban dhiira - 243,827 (91.2%) dubara -221,012 (88.4%) #walitti - 464,839 (89.9%) ta'uun beekameera. Haaluma kanaan qabxii ilaallachuuf #Liinkii asii gaditti dhihaate banuun; #Lakkoofsa Galmee keessan/Registration Number/ galchuun #Itti aansuun Maqaa keessan kan jalqabaa galchuun qabxii keessan ilaallachuu ni dandeessu. Liinkii:- https://oromia6.ministry.et
Qabxiin Qormaata Kutaa 6ffaa Bara 2018 Ibsame. ---------------- BBO… — Abenezer kidus (abini) — TG.ME
July 31, 2026 9.5K 91