Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Daawwannaa Hojiif gara Godina Baaleetti Imalaniif Magaalaa Roobeetti Simannaan Taasifameera
_____
(Waxabajjii 27,2018 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)
Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa, Kabajamoo Obboo Gazaalii Abbaa Simal daawwannaa hojiif gara Godina Baalee imalaniif buufata xiyaaraa Roobeetti simannaan taasifameera.Sirna simannaa kana irratti jaarsoleen biyyaa, abbootiin amantaa fi itti gaafatamtoonni manneen hojii gara garaa argamaniiru.
Turtii isaaniitiinis manneen murtii godinichaa kan daawwatan yammuu ta'u, manneen jireenyaa harka qalleeyyiif manneen murtii naanichaan ijaaraman ni qeebalchiisu jedhamee eegama.
Forwarded fromMana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
15July 4, 2026 9.2K 1