#NGAT_Protocols — Qajeelfama Qormaata NGAT
Qormaanni bara 2018 A.L.I. sagantaa barnoota digrii lammaffaa (Postgraduate) seenuuf kennamu NGAT, boru Hagayya 20/2018 A.L.I. irraa eegalee guyyoota walitti aanan lamaaf, ganamaa fi waaree booda, ni kennama.
➫ Qormaataaf kan dhuftan, qormaanni osoo hin jalqabin daqiiqaa 30 dura gara wiirtuu qormaataa ramadametti argamuu qabdu.
➫ Tikeetii seensa qormaataa (Entrance Ticket) maxxanfattanii qabachuu hin dagatinaa.
➫ Qormaata wiirtuu qormaataa isinitti ramadame irraa alatti fudhachuu hin dandeessan.
➫ Kaardii eenyummaa Faayidaa Biyyaalessaa (Faydaa ID) qabaachuun dirqama.
➫ Bilbila harkaa, sa'aatii harkaa memory qabu fi meeshaalee elektirooniksii biroo kanneen fakkaatan gara wiirtuu qormaataatti qabattanii deemuun dhorkaadha
1August 25, 2026 861