Jaalala onnee koo!๐Ÿ’— Atis na hin hubattuu dheebuu keessa kootii siโ€ฆ โ€” Jireenya Jaalalaaโคโค๐ŸŒน๐ŸŒน โ€” TG.ME

Jaalala onnee koo!๐Ÿ’—

Atis na hin hubattuu
dheebuu keessa kootii
si waliin dabarsuun
hawwii koo bar dheeraati

yaadaan gaara yaabee
qaamaan dachaan bu'aa
onneen koo si yaadee
ija imimmaan hudhaa

osoon si hordofuu
Fixeensa luuccessee
qotani facaafatuu
karaan ani baasee

gaarrii kattaa qabaa
roobus lolaa hin dhabuu
hormi bay'ee qabaa
an simalee waa hin qabu

fuuldura hin hamatan
Qoradhu duuba koo
dhageessu na hin dhoksiin
Yoo sitti himan mudaa koo

abjuu ta'ee hin hafiin
abdiin koo bar dheeraa
onnee koo simadhuu
an si jaaladheeraa!โค๏ธโ€๐Ÿฉน๐Ÿ’‹
โค9๐Ÿ‘2
May 14, 2024 2.7K 3 16