Gosoota dubartootaa gaayelaaf hin taane (Women who can't maintain… — Jireenya Jaalalaa❤❤🌹🌹 — TG.ME

Gosoota dubartootaa gaayelaaf hin taane (Women who can't maintain marriage🙄🤔) ✏°°°°°°°°°° Gaayela milkaa'aa fi itti fufiinsa qabu uummachuun salphaa miti. Namoota tokko tokkoof yoo danda'ameyyuu kaanif hawwii galma hin geenye yeroon ta'u jira. Dubartootaaf ammoo waayeen gaayelaa hin qoofamu. Dhiira caala isaantu itti dhiphata waan ta'eefi. Umurii isaanii daa'ima argachuuf murteessaa ta'etti jaarsa argachuu waan barbaadaniif baayyee yaadda'u. Dubartoota gaayela milkaa'aa qabaachun isaaniif salphaa hin taane haa ilaallu. 1) Warra akka malee bareedan( the most beautiful women). Waan miidhagduuf dhiironni baayyeen ishii hawwu. Kunimmoo miira oftuulummaa ishii keessatti uuma, filannoo baayisti, miidhagina ishee gara maallaqaatti jijjiiruu barbaaddi. Kunimmoo akka ishiin dhiira jijijjiirtu ishee godha. Osuma kana gootuu umuriin waan deemuuf jaarsa malee hafuu dandeessi. 2) Dubartii baay'ee baratte( The Most educated women). Dubartiin mastersii, ykn phd qabdu takka gaayela gaarii qabaachun harkuma waaqaa jira🤔. Ciminni isaanii akka dhiiran waliif hin galle taasisa. Kaampaaniiwwan gurguddaa deemii gaafadhu, dubartoonni hedduun singiliidha ykn hiikaniiru. 3) Dubartii maatiin ishii abbaa qabeenyaa ta'e. Isaan kunis hedduu ulfaatodha, dhiira hin bulfatan. Jireenya qananii keessatti guddatte waan ta'eef jaarsaf ajajamtee jiraachuun itti cimachuu danda'a😉. 4) Akka malee kan amantii jabeessitu. Dubartiin akkasii ykn dhirsa hin argattu ykn ni hiikti. Sababni isaas isheen gorsa jaarsaa fudhachuu hin dandeessu, ishiin akka amantiin jedhutti qofa waan deemtuf abbaa warraa isheetiif akka garaa hin taatufi. 5) Dubartii mana ciffaraa fi dhugaatii baayyistu. Ishiin akkasii akka waan jireenyi har'a qofa ta'eetti fataa jechuu feeti. Dhiirri ishiitti dhufus yeruma tokko bu'eet gatee biraa deema. Kanarraa kan ka'e dubartiin akkasii daa'ima abbaan walii hin beekkamne guddisaa hafti

May 1, 2024 1.7K 4