Anis namni sun intala ani eegaa jiru akka hin taane beekee rifaatuun… — Dambalii Kitaabotaa PDF 📚 (HDL) — TG.ME

Anis namni sun intala ani eegaa jiru akka hin taane beekee rifaatuun gubannaa doobbii sanuu osoon hin dhagayin keessatti kufaa ka'aa qaxxamuraa manatti gale. Warri manaa yoo na gaafatu "durriyyeetu waan mallaqa qabu se'anii na waraanuuf jennaan doobbii keessaan qaxxaamuree harkaa bahe" jedheenii sobe. Obboleettiin tiyyas biyyeefi qorsa garagaraa na dibuun dhukkubbii qaama kiyyaa kan doobbiin horbobbeessite fooyyessuuf yaaluu eegalte. Edaa namni ani dhungachuuf qabe jaalallee tiyya osoo hin taane haadha ishiiti turte. Gaafas haati meeshaa biraa gandaa fudhachuuf waan baatuuf achumaan aannanis fuudhuuf murteessitee intala hambiftee ofii dhufte. Bara san bilbilli harkaa waan hin jirreef jijirama karooraa kana miciyyoon carraa ittiin naaf himtu hin qabdu ture. Hanga wayyaa namni sun ana ta'uu haati hin beeyne, iyyaaluma biraa seete. Nutis hin dubbanne. Dubbiin achumaan iccitii awwaalamte taatee hafte. Jawar Mohammed Hin Gaabbuu Fuula 52

❤34😁26👍6🥰3
July 12, 2026 16.3K 12