Marsaa lammaffaaf Ameerikaatti Konsertii qopheessuuf gaafan deeme, Burtukaan Miidhegsaa isheen amma boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa taatee jirtu kun naaf bilbiltee akka na arguu brabaaddu natti himte. Anis tole jedheen bakka isheen itti na beellamte dhaqe. Laaqana waliin nyaannee, akka hedduu na dinqisiifattu natti himuun, garuu ammoo sirboonni kee siyaasadha naan jette. Itti aansitees ammoo maalif waanuma saba, Oromoo, sabboonummaa, Oromummaa jedhu hin dhiistu at? Maalif Itiyoophiyaa hin faarsitu? Jettee na gaafatte. Yoo kana anis sirna durii faarsuu hin fedhu. Sirni ifatti tokkummaa biyychaa leellisu kun duubatti iccitii kan biraa of keessaa qaba. Irra irra keessa tokkummaa tokkummaa jedhanis durirraa qabeetu kan isaan eenyummaa sabootaa jibban. Duris taanaan maqaa abboota keenyaa gedderee, sabummaa isaaniin arrabsa kan ture sirna tokkummaa itiyoophiyaa ofiin jedhu kana. Yoo kana natti isheen kolfiteetu, “yoo tokkummaan biyyaa jiraate, maqaa sabummaa dha’uu dhiisne Itiyoophiyaa qofa yoo jenne, sabaan wal qooduun ni hafa. Amma malee dur bar sabaan wal qooduun hin turre” jettee na amansiisuuf yoo yaaltu, anis dabareekoo kolfeen, “sabaan wal waamuun bar amma hin jalqabne duris inuma jira. Garaagarummaansaa dur maqaa ati ittiin of waamtu dhiisanii maqaa sabummaas maqaa dhuunfaas haaraa siif moggasu; amma ammoo kan ati ittiin of waamtutu siif kabajama” ittiin jedhee. Kanaafis ammoo ragaan jedheen waraqaa eenyummaa Akaakayyuu kiyyaa kan Gabiramadiin Gurmeessaa jedhu kan inni yeroo Kuburzabanyaa ture qabatu sana boorsaakoo keessaa baaseen itti agarsiise. Waraqaa eenyummaa sanarra Biheer jedheetu “Gaal*aa” jechuun maqaa Oromoo kan arrabsu ture. Yoo kana argitu ni rifatte. Anis kolfeen, sabummaan bara kana waan jalqabe hin se’inaa, duruma jira. Garuu ammoo amma kan nuti ittiin of waamneen nu waamu; yeros humnaan Boonsaa Gabiramadiin, Oromoo ammoo Gaal*a jedhanii waamu. Garaagarummaan kanuma. Kan amma maalif sabummaan maqaa dha’ama jedhamee maraatamuufis bar, sabummaa dhuguma biyya diigee, yookaan tokkummaa biyyaa waan laaffisuuf osoo hin taane akka durii sanatti maqaa nuuf moggaasanii nu waamuu waan dhabaniifan ittiin jedhe. Yeros sana baayyee ajaa’ibamtetu waraqaa eenyummaa sana akka narraa fudhattee koppii godhachuu barbaaddu natti himte. Achumaan haasaa gedderte. (Hacaaluu Hundeessaa bara 2019 afaansaatiin qorataatti kan hime, Yaadannoo qorataarraa)
Marsaa lammaffaaf Ameerikaatti Konsertii qopheessuuf gaafan deeme… — Dambalii Kitaabotaa PDF 📚 (HDL) — TG.ME
June 25, 2026 19.7K 8