Ramaddii Yuunivarsitii: Barattoota Qormaata Kutaa 12ffaa Darbitaniif Filannoon Yuunivarsiitii Ifa Ta'e Ministeerri Barnootaa beeksisa haaraa baaseen, barattoota bara 2018 qormaata biyyoolessaa xumura sadarkaa lammaffaa fudhachuun sagantaa idileetiin qabxii darbiinsaa dhaabbilee barnoota olaanoo galmeessistan hundaaf filannoon yuunivarsiitii fi gosa barnootaa eegaluu isaa ifoomseera. Haaluma kanaan, barattoonni guyyaa har'aa, Hagayya 28 irraa eegalee hanga Qaammee 5, bara 2018tti gara mana barumsaa deemuun osoo isin hin barbaachisiin, bakka jirtanitti ofuma keessanii karaa toora interneetii filannoo keessan akka guuttattan Ministeerichi himeera. Raawwii filannoo kanaafis barattoonni marsariitii (Link) 'https://student.ethernet.edu.et/' jedhu fayyadamuun haala salphaan sirreessuu ni danda'u. Gama biraatiin, barattoota dhukkubsatanii ragaa wal'aansaa qaban, qaama miidhamtoota, lakkuuwwan saala walfakkaataa qabanii fi haadholii daa'ima ji'a ja'aa gadii hoosisan ilaalchisee deeggarsi addaa kan taasifamuuf yoo ta'u, ulaagaa kanaaf kanneen madaalaman ragaa fayyaa ykn dhugoomsaa seera qabeessa ta'e of harkaa qaban marsariiticha irratti walqabsiisuun akka isaan irraa eegamu hubachiifameera. Yeroon kenname murtaa'aa fi gabaabaa waan ta'eef, barattoonni hundi carraa kanatti fayyadamuun osoo guyyaan isin jalaa hin darbiin xiyyeeffannoon filannoo keessan akka xumurattan dhaamameera. Hawaasnis ta'e maatiin ragaa kana hiriyoota fi barattoota naannoo keessan jiran waliin qooduun barattoonni haala mijaawaan gara dhaabbilee barnoota olaanoo akka makaman gahee keessan bahaa. https://t.me/iyufayera
Ramaddii Yuunivarsitii: Barattoota Qormaata Kutaa 12ffaa Darbitaniif… — Iyu Fayera — TG.ME
September 3, 2026 351