Ulaagaa Galmee: • Bu’uura ulaagaa filannoo Konvenshinii Jijjiirama… — Iyu Fayera — TG.ME

Ulaagaa Galmee: • Bu’uura ulaagaa filannoo Konvenshinii Jijjiirama Qilleensa Mootummoota Gamtoomanii (UNFCCC) tiin, • Dhaabbata barnoota olaanaa Itoophiyaa keessatti beekamu kamiyyuu irratti barataa/barattuu waggaa 1ffaa kan ta’e/taate; • Walga’iiwwan irratti keessummoota hirmaataniif jijjiirraa hojii addaddaa irratti tajaajiluuf kan fedhi qabu/qabdu; • Tajaajila pirotokoolii fi simannaa kennaman waliin walqabatanii leenjiiwwan addaddaa qophaa’an hordofuuf fedhii kan qabu/qabdu; • Amala fedhii hookarii irraa bilisa kan ta’e/taate, naamusa gaarii kan qabu/qabdu; • Walga’iiwwan osoo hin eegaliin dura hojii qophii duraa irratti, yeroo walga’iiwwanii fi akka barbaachisummaasaatti walga’iiwwan booda yeroo murtaa’eef tajaajiluuf fedhii kan qabu/qabdu; • Naannoo hojii ramadamteetti naamusa ogummaa, gadofummaa, obsaa fi gaafatamummaa argisiisuu kan danda’u/dandeessu; • Tajaajilichi kaffaltii malee ta’uu isaa hubachuun tajaajiluuf kan fedhii qabu/qabdu; • Dubartoonni akka dorgoman jajjabeeffamu. ​Dandeettii Afaanii Dorgomtoonni xiqqaa ta’e Afaan Ingilifaa irratti haala qabatamaa ta’een dubbachuu fi barreessuu kan danda’an ta’uu qabu. Kana malees afaanota hojii idila-addunyaa Mootummoota Gamtoomanii biroo (Afaan Faransaay, Arabiffaa, Ispaanishii, Mandarin (Chaayinaa) fi Raashiyaa) dandeessan keessumattuu ni jajjabeeffamu. ​Yeroo fi Karaa Galmee Galmeen Hagayya 26 irraa eegalee guyoota hojii walitti aanan kudhan kan turu yoo ta’u, dorgomtoonni karaa lamaan armaan gadiitiin galmaa’uu danda’u: ​Galmee Online Unka galmee marsariitii seera qabeessa armaan gadii fayyadamuun guutuu ni danda’ama: 👉 https://forms.gle/qHRXAh5f6kKdZ5wq5 ​Galmee Qaamaa Dorgomtoonni Waajjira Muummee Ministeera Dhimma Alaa FDRE tti qaamaan argamuun galmaa’uu danda’u. Bakka: Fuuldura Hotela Hilton, Finfinnee ​Sanadoota Galmeef Barbaachisan Dorgomtoonni yeroo qaamaan galmoofan: • Ragaa barnoota orijinaalaa fi koppii deebii hin qabne; • Kaardii eenyummaa biyyaalessaa ykn Paaspoortii sirrii qabachuudhaan dhiyaachuu qabu. • Seenaa jireenyaa fuula tokko (CV) dhiheessuu, • Kana dura tajaajila fedhii ooltummaa kan kennitan yoo ta’e ragaa isaa dhiheessuu, ​Hubachiisa: • Galmeessitootni Online faayilii yeroo fe’attan/upload gootan fooldarichi guutummaatti maqaa keessan hanga akaakayyuutti ta’uu qaba. ​Ministeera Dhimma Alaa FDRE Hagayya 26 bara 2018 A.L.I. ​#Ethiopia #VolunteerOpportunity

September 2, 2026 508 1