Namni dukkana lafaatti gatee si biraa deeme,waan waraabessi si godhe… — Imalli Koo Galma Qaba — TG.ME

Namni dukkana lafaatti gatee si biraa deeme,waan waraabessi si godhe si gaafachuu mirga hin qabuu beeki. ila Gaafa roobni dhaabate xilaan ba'aadha yoo jette jalqabuma qabatee manaa hin bahin,bitteellee qarshii kee hin qisaasinii,jismii rooba dandahu tolfadhu. Jaaloo Ka bu'aaf si barbaadu hunda duuka qilee bu'uu dhiisi,kaayyoon imaluu bari,galma kee laalaa ijjadhu,tooftaafi tarsiimoo seensaafi bahiinsaa lafa kaawwadhu,sana diddu madooftee hadooddee, nama tahuun si jibbisiisee,maatiif fira keetiinis addaan cittaa uf qusadhu. Obbolaa Namni hedduun waan nama biraatiin jedhaa bahe keessatti hafee argi,namni gariin waan quba namatti qabaa bahe keessatti ufiifuu kufee hafee laali,xiqqeenni guddaan nama xinneessanii laaluu irraa burqaa,ufiifi namas daangaa malee ol keettee wajjiin hin kufinii uf tiksi. Haloo Garii namaa ufii fanniftee ufii buusuu dadhabdee beeki,garii namaa ufii lafatti gadi lasltee tuffattee, tuffe raada dhaltee sitti tahee argi,silaa ilma namaa,namoomuma isaatiin kabsjuufi hanguma inni gahuun ulfina isaan malu kennuufii qabda turee taajjabi. Yoooo Haati ilma irra itti laafuun loltii hin dagatin,ilma isii isa qajeeleef sanaa gatii hin laattuu beeki,haa tahu malee, kan abdattus,kan jannata kadhattuufis,kan qalbiin raarraatufis isuma qajeeleef sanii hubadhu, kana jechuun ni jibbitii osoo hin taane,ni aanfattii beeki,atis isa ittiin lolaa ittii aantuufi kan itti aartu addaan baafadhu,daangaa alagaafi firaa adda baasii beeki. Hohooo Kan ifa aduutiin sitti dukkaneessu,kan dukkana keessatti duungoo si harkaa balleessu,kan fuul- dura kee dukkana billaan hin murreen haguugee si baleessu irraa uf qusadhu,isa hin dandeettu siin jedhu saniin,ni dandaha jechuu dhiisii hujiin kee akka dandeettu itti haa himuu,hojjadhuu agarsiisi.

July 11, 2026 3.7K 14