Doktoora Fayyaa erraa gara Maaraataa Daandii erraa tahuu Namni isin… — Imalli Koo Galma Qaba — TG.ME

Doktoora Fayyaa erraa gara Maaraataa Daandii erraa tahuu Namni isin Suuraa erratti Argutan Kun Doktoor muhammad Saalih Al-Abiidii jedhama. Ogeessa fayyaa doktoora ajaaibaa kan Baqaqsanii yaaluu erratti erra guddaa Umurii isaa fixeedha Guyyaa Tokko Akkuma Ojii isaa Dhukkubsataa yaaluuf kutaa Operation ykn Baqaqsanii yaaluu seene Namni Inni harra yaaluuf deemu kun nama isatti jabaa waan taheef ofeeggannoodhaan ojiisaa xumuruuf onnee rifaatuun guutameen kutaa Operationii seene Yaala hudumaa godheefii haala gaariidhaan Operationii godhee xumuree yaroo kahu Dhukkubsataan kun deebi’ee of baruu hin dandeenye Namni inni osoo yaalaa jiruu harkatti lubbuun bahe kun Harmee isaa isanni akka lubbuu ofiitti ilaalu waan taheef doktoorichi of qabuu hin dandeenye Achumatti Qaamni isaa qabbajjaaee Sammuu isaallee dhabee maatii isaas dhiisee ojii isaas dhabee maraatmaan daandii erratti hafe. Waan dandahu maraa yaaleera garuu murtiin Rabbii akka inni yaade hin taane Atihoo Haadha kee woliin akkam jerta ? Yaroo woliin haasoftu sagalee akkamiitiin ittiin dubbatta laata ? Gara lafummaa akkamiitiin ija keessa ilaaltee gammachuu itti uumtee beettaa ? Ammam ammamiin sagaleesii dhagahaa jirta v Tarii dhukkubsachuusii nama biraatu sitti himaa jiraa laata Tarii hin fayyiti takka itti obsaa jettee mana yaalaa geessuu dhiisaa jirtaa laata ? Namni haadhaan nyaatame yoo nama akkamii tahe illee hoonga’aadha Rabbi Nama haadha ofii kaddamatee milkaahu nuhaa godhu Kan worra lubbuun hin jirrees Rabbi Rahmata haa godhuuf Guyyaan ati Gammachuun ooltu guyyaa gaafa harmee keetii dawwaltee kolfaa fi sagalee isii dhageesseeti Harmee kee Amaanaa Harmee kee Amaanaa Harmee kee Amaanaa https://t.me/Imaluuf/

June 10, 2026 3K 4