Kana Nabiyyiin Keenyaa ๏ทบ !! Dhuga-dubatuu (Amiina): Haasaa, waadaa fi gocha isaaniitiin yeroo mara dhugaa dubbattoota turan. Matumaa soba dubbatanii hin beekan. Ergamummaan dura iyyuu "Muhammad Al-Amiin (Muhammad Isa Amanamaa)" jedhamanii waamamu turan. [Bukharii: 3559] Kan Amaanaa Kabaju: Mallaqaa fi kabaja namootaa eeguu keessatti baay'ee amanamaa turan. Amaanaa abbaa isaatiif ni gachisiisu turan; nama tokkollee gowwoomsanii hin beekan. [Bukharii: 3534] Gara-laafaa (Araaramaa): Namootaaf, bineensotaaf, akkasumas simbirootaaf qofaatti illee baay'ee kan gaddan fi gara-laafessa turan. Gara-laafina guddaa qabu turan; nama tokkollee hin miidhan turan. [Muslim: 2316] Gadi-of-qabaa (แตแแต): Namoota waliin baay'ee gad-of-qaboo turan. Hiyyeeyyii waliin ni taa'u; ofii isaanii of tajaajilu; nama tokko irraas gargaarsa hin barbaadan turan. [Muslim: 2865] Haqa-qabeessa: Murtii isaanii keessatti fi namoota waliin hariiroo qaban keessatti guutummaatti haqa-qabeeyyii turan. Murtichi ofii isaanii ykn maatii isaanii irratti ta'us, dhugaa ni raawwachiisu turan. [Muslim: 1688] Obsa-qabeessa Ofii isaaniitiif jedhanii haaloo bahachuu hin barbaadan turan. Araaramaa turan; miidhaa namoota irraa isaan gahu ni dhiisuuf) turan. [Tirmizii: 2434] Amala Gaariin Kan Midhagan: Amalaa fi naamusaan namoota hundarra caaloo turan. Arrabni isaanii laafaa ture; namoota durattis yeroo mara fuula gammadaniin mul'atu turan. [Muslim: 746] Gooftaa Isaaniitiif Guutummaatti Kan Ajajaman Gooftaa isaaniitiif baay'ee abboomamoo fi gabbaroo turan. Hanga miilli isaanii dhiitahutti halkan guutuu dhaabbatanii salaatu turan. [Bukharii: 1147] Addunyaa Kan Lagatan (Zuhdii): Jireenya addunyaa irratti sassatoo hin turre. Qabeenya hin kuusne; faaya addunyaatiinis wal hin dorgomne. [Tirmizii: 2377] Goota: Karaa dhugaa irratti baay'ee goota fi jajjaboo turan. Dhimma dhugaa keessatti komii nama tokkoollee hin sodaatan turan. [Ibnu Hishaam: 177] ๐ฅHaati keenya Aa'ishaan waa'ee amala isaanii yeroo gaafatamu akkana jette: ยซูุงู ุฎููู ุงููุฑุขูยป "Amalli isaanii Qur'aana ture!!" โ Barreeffama Haamduu Quwaanxee Gara Afaan oromootti kan galagalee ๐ญ @ifaislaamaa
Kana Nabiyyiin Keenyaa ๏ทบ !! Dhuga-dubatuu (Amiina): Haasaa, waadaa fiโฆ โ ๐๐๐ ๐๐ฌ๐ฅ๐๐๐ฆ๐๐ โ TG.ME
August 21, 2026 756 3