DAA’IMMAN WAA QOONQOOTTI RAKKATE YKN HUDHAMAN AKKAMIIN GARGAARUU QABNA? ********************* ● Wantootni akka tasaa qonqootti rakkatan kan akka saantimaa, nyaataa, firii mukaa adda addaa fi k.k.f daa’imman umuriin isaanii waggaa afurii gadii keessatti ni heddummatu. ● Wantootni kunis battalumatti ujummoo qilleensaa cufuudhaan daa’imman kana ukkaamsanii du’aaf saaxiluu danda’u. ● Daa’imman kana umurii isaanii irratti hundaa’uudhaan akka armaan gadiitii gargaaruu dandeenya. ********************* 1. DAA’IMMAN UMURII WAGGAA TOKKOO GADIIF: ● Daa’ima kana gadi gargalchii harkakee bitaarra garaadhaan ciibsi. ● Kana booda barruu harkakee mirgaatiin dugda daa’ima kanaarra yeroo 5 dhahi (back slaps): fakkii armaan gadii ilaali. ● Waan daa’ima kana hudhe yoo gara afaaniitti dhufeera ta’eef afaan keessa ilaaluun keessaa fuudhi. ● Yoo ammallee waan daa’ima kana hudhe hin baane ta’e, daa’ima kana ol gargalchii harkakee bitaarra dugdaan ciibsi. ● Kana booda quba harka mirgaakee lamaaniin handhuura daa’imaa olitti yeroo 5 dhiibi (chest thrust): fakkii armaan gadii ilaali. ● Hamma waan daa’ima kana hudhe bahutti adeemsa kana irra deddeebi’uun barbaachisaadha. ********************* 2. DAA’IMMAN UMURII WAGGAA TOKKOO OLIIF: ● Ofiikee teessuma irra taa’uudhaan daa’ima sana gadi gargalchii garaadhaan jilbakeerra ciibsi (fakkii armaan gadii ilaali). ● Kana booda yeroo 5 barruu harka mirgaatiin dugda daa’imaa yeroo 5 dhahi. ● Ammalle waan daa’ima kana hudhe yoo hin baane, duduuba daa’imaa dhaabattee dugda isaa ofitti gargalchuun harkakeen garaa daa’imaa hammadhu, sana booda buunyaa harkakeetiin garaa daa’imaa ol dhiibi: fakkii armaan gadii ilaalin barbaachisaadha Dr Abera Olani (Ispeeshhalistii wal'aansa dhibee ijoollee fi daa'immannii fi barreessaa kitaaba ' BU'UURA FAYYAA DAA'IMMANII).
DAA’IMMAN WAA QOONQOOTTI RAKKATE YKN HUDHAMAN AKKAMIIN GARGAARUU… — Hospitaala Kompireensiivii Ispeeshaalaayizdii Yuunivarsiitii Wallaggaa — TG.ME
January 2, 2025 1.2K 4