Namni Jalqaba Mowlida Jalqabe Eenyu?
Mowlida Jechuun : Dhaloota: jechuudha,
Garuu dhaloonni kuni kan (Nabi Muhammad ﷺ ) Jechuu itti baanan,
Namni jalqaba mowlida kabajuu jalqabe hijraa irraa amata 500 lakkaawatee amata 600 keessa ykn amata 700 xummura irratti Gadaa Ummata (faaximiyyootaa) namticha Abuu sa'iid kowkabuurii je'amutu takka je'ee karaa mowlidaa bane, inni kan mootummaa tureedha,
Akkuma Ibnu kasiir Kitaaba ﺍﻟﺒﺪﺍﻳﺔ ﻭﺍﻟﻨﻬﺎﻳﺔ je'amu keessatti galmeessanitti , Akkasuma Ibnu Kalkaaniifii qorattootni seenaa nuuf himanitti,
Abuu shaamaan akki je'an: Namni biyya mowsil keessatti qaawwa haflaa mowlidaa bane nama Sheekh Umar bin muhammad Al-malaa je'amuudha, Inni duraan nama gaarii ture , Sheekh Umar kanatti Abuu sa'iidiin sunis hidhate,
Ibnu kasiir Kitaaba AL-BIDAAYATU WA-NIHAAYAA keessatti yoo waa'ee Abii sa'iid kowkabuurii addeessan akki je'an: Ji'a Rabii'ul Awwal keessa dhaloota Nabiyyii kabajamaa ulfeessuuf haflaa guddaa tokko qopheessa.
Namni gaafa sana achi jiru nuuf odeessee jira. . Mataa horii kuma shan 5000 wadda. . Lukkuu kuma kudhan bilcheessa. . Saanii/qorii kudraaf mudraan guutamte kuma soddoma qopheessa . . . je'an. .
Kanaafuu Mowlidni waan guyyaa keessa argame malee waan sahaabotaaf taabi'oonni akkasuma salafni gaariin hojjatanii miti, . . .
Isa kabajuu dhiisii "Baga ittiin isin gahe " jaraan jechuun Dilii gurguddaadha. .
Namni Bid'aa Jibbitan Share Godhi
https://t.me/maada_beekumsaa