Jireenyii, imala
Jiraachuun, amala
Jiruun immoo, mala!
Amala ilma namaa
Imala uumamaa
Mala sammuu namaa!
Jiruun,
Olii fi gadi, labdi
Bu'aa-ba'ii, qabdi.
Hiree hunda keenyaa
Kanatu qabeenya
Kanatu jireenya.
Hireen filattuudha
Qalbiin hifattuudha
Jiruun imaltuudha!
Kanaafuu!
Amala eeganii
Imala seenanii
Mala qajeelani!
Akkasiin!
Amallii qabama
Imallii dhaqama
Mallii malatama
Galmis dhaqqabama!
Akkasiin!
Rakkinnii furama
Hanqinnii guutama
Mijuun dhibaafama
Jiruun jiraatama!
Kanaafuu!
Jiruun, amalaani
Jireenyii, imalaani
Jiraachuun, malaani
Milkiin isaa
Gurreekoof haa ta'u
Yaa'ee bira haa ga'u
👇👇👇👇👇👇
♻️Join & 🔗SHARE
╔════════════╗
#Qaroo_Waamaraa
╚════════════╝
https://t.me/ForAllthingsEye

6
5
1October 7, 2026 2.4K 11