Akka jaamaa taata Utuu ijaan ilaaltuu Utuu gurraa dhageessuu Utuu… — Qaroo Waamaraa — TG.ME

Akka jaamaa taata

Utuu ijaan ilaaltuu
Utuu gurraa dhageessuu
Utuu qalbiin hubattuu
Utuu yaadaan agartuu
Utuu lapheen hargantuu
Utuu onneen dha'attuu
Utuu harkaan qabattuu
Utuu dhugaa dubbattuu
Utuu Abjuun agartuu
Akka jaamaa taata
Akka duudaa taata

Jaalalli dhugaa;
Utuu argituu
Jaamaas si gooti
Utuu dhageessuu
Duudaas si gooti
Utuu beektuus
Wallaalaa si gooti
Utuu hin loliin
Loltee si mooti
❤10🥰2
October 1, 2026 1.6K