Daawitii Jireenyaa
Baroota 1988-1991 jiran keessatti Tiyaatira waltajjii mata dureen isaa "Daawitii Jireenyaa" jedhu Afaan Amaaraatiin kan barreesse Nabiyyuu Takkaalliny ta'ee gara Afaan Oromootti kan jijjiire ammoo Mulgeetaa Nagaasaati. Qopheessaan Diimaa Abarraa; gargaaraan qopheessaa Kabbadaa Dagafuuti.
Namfakkiiwwan kudha lamaan kan ijaarameefi irra jireessi isaanii jireenyi baadiyaa rakkoo cimaa waan itti uumeef bultii gaarii barbaacha akkaataa imala isaanii gara magaalaatti taasisan kan mul'sudha.
Daawitiin jireenyaa boqqonnaa tokko jalatti ijaaramee, mul'ata ja’aan hiruun seenaan isaa Jalqabamee kan xumuramuufi yoomeessi isaa giroosarii naannoo Markaatoo, mana Ayyaantuun qaxaramtee hojjattu keessatti jalqabee xumura argata. 'Daawitiin Jireenyaa' Fulbaanaa 7, 1989 A.L.I Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin koree dhaabbateen ilaalamee, hawaasni keenya yoo ilaale, bu'aa irraa argachuu danda'a jedhamee waan itti amanameef ummata Oromoof akka dhiyaatu eeyyama argate.
Haaluma kanaan Fulbaana 10 fi 17, 1989 A.L.I Galma Aadaa Mana Qopheessaa Finfinneefi, Mana Tiyaatiraa Biyyoolessaa keessatti akka agarsiifamu ta'e.
Bulchiinsa Mootummaa Nannoo Oromiyaafi Biiroon Aadaafi Beeksiisaa walta'uun Godina Addaa Oromoo Walloo, Kamisee dabalatee teessoo magaalota godinaalee kudha sadiifi aanolee tokko tokko irratti agarsiifameera. Magaalota diraamichi itti mul'ate keessaa akka fakkeenyaatti Adaamaa, Asallaa, Roobee, Ciroo, Jimma, Naqamtee, Gimbii, Mattuu, Amboo, Shaashamannee, Kamisee, Fiichee fi Bishooftudha. Walumaagalatti Fulbaana 20 hanga Muddee 28, 1989tti waltajii 60 ol argachuuf carraa guddaa argatee jira. Kanaafuu, seenaa tiyaatira Oromoo keessatti ummataaf dhiyaachuun sadarkaa olanaa irratti argama.
Via Oromo Theater
#Share
@Fiilmii