❗️❗️❗️❗️❗️❗️ Seenaa dubartii waggaa 5tti daa'ima Kiilogiraama 2.7 ulfaatu deessee... ••• Lina Medina (Liinaa Madiinaa) seenaa yaalii fayyaa addunyaa keessatti haadha umurii xiqqoon mucaa dhalte ta'uun beekamti. Isheen Muddee 23, bara 1933 biyya Peru, ganda Tikrapo jedhamtu keessatti dhalatte. Onkololeessa 14, bara 1939 yeroo mucaa dhiiraa dhaltetti umriin ishee waggaa 5, ji'a 7, fi guyyaa 21 qofa ture. Jalqaba irratti maatiin ishee sababa garaan ishee guddateef budaatu nyaate ykn ija hamtuu itti fakkatee gara mana yaalaa geessan. Haa ta'uu malee, ogeeyyiin fayyaa erga qorannoo taasisanii booda ulfa ta'uu ishee mirkaneessan. Umriin ishee baay'ee xiqqoo waan tureef, mucaa ishee yaalii baqaqsanii baasuu (Cesarean section) dhaan dhalte, maqaa doktora ishee gargaaree deessisee "Gerardo" jedhanii moggaasan. Saayinsiin haala kana yeroo ibsu, Linaan dhibee hormoonii (precocious puberty) jedhamuun waan qabamteef, osoo umuriin ishee hin ga'in qaamni ishee dafee hormaataf qophaaye. Eenyummaan abbaa mucichaa hamma yoonaatti iccitiidhaan kan hafe yoo ta'u, abbaan ishee jalqaba irratti shakkamus ragaan waan dhabameef gadhiifameera. ➡️ Mucaan ishee Gerardo hamma waggaa 10tti Linaan akka obboleettii isaatti ilaalaa kan guddate yoo ta'u, booda irratti garuu bara 1979 keessa dhibee lafeetiin waggaa 40 tti addunyaa kana irraa boqateera. Lina Medina seenaa raajii yaalii fayyaa keessatti dhaloota dinqisiise ta'uun hamma yoonaatti yaadatamti.
Seenaa dubartii waggaa 5tti daa'ima Kiilogiraama 2.7 ulfaatu… — Entrance Result — TG.ME
May 29, 2026 26.5K 7 4