RUFAA'EEL Rufaa'eel si waamna hiikaa gadameessaa Rakkoon yoo hammaates hunduu sitti dheensa Gargaarsa keen koottuu dhiphinaa nu furi Kufnee akkan hafneef ati nu gargaari Rufaa'eel Ergamaa guddicha nagaadhaaf muudame Rufaa'eel Bultoon teessoo keetii warqiin Kan faayame Rufaa'eel Gargaaraa Xoobiti Kan jiraattu Raamaa Rufaa'eel Madaan lubbuu keenyaa si'iin wal'aanama Waraana abiddaa qabachuun sochoota Gaachanni kee ifa qilleensarra adeemta Sillaaseef ergamuun hoomaa keetiin duultee Kadhannaan ol kaafta lubbuu cubbuun kufte Hiikni maqaa keetii waaqayyon fayyisaa Maqaa kee waammanna ija keenya ol kaasaa Marartoon nu ilaalta akka abbummaati Durri keenya ifeera akka bakkalchaatti Qurxummicha guddaa galaanicha raase Aangoon kansaa se'ee isa nu naasise Nurraa cabsiteetta xiyya keen waraante Har'as si waammanna nun ilaaliin calliftee ==•|•== F/taa Yohaannis Gizaachoo
21
8