Tulluu Taabor tti Ifasaa mullise Addunyaa hundumaaf Waaqummaasaa ibse Waaqni keenya Mootiin moototaa Karaan jireenyaa Gooftaan Gooftotaa Tulluu Taaboritti Yeroo mullatee Tulluun Taabori Ifaan guutamte Gooftaa Keenyaa Waaqa Keenyaa Yoo at jaalattee Yoo nuuf heyyamte As jiraachuuni Nuyiif ba’eessa Si wajjin ta’uun Nu gammachiisa Akka jiraannuuf Si wajjin taanee Mana haa ijaarru Tokko si'ifi Eeliyaasifis Tokko museefis At nuuf heyyami Ilma Maariyaami Uumaan jiraattota Kan du'ootasi Kan jiraachisuu Inni ajjeesuus Isa qofadha Iyyesuus Kiristoos Waaqa Eeliyaas Uumaa museedha Isan itti gammadu Kanan jaaladhu Isa dhagahaa Isaan jiraadha Abbaan dhugaa bahee Samii gubbaatii Sagalees erge Kun mucaa kooti Tokkummaaf sadummaa Sirratt mullatee Tulluun Taabori Akkam carroomte Ifni addunyaa Sirratti mullate Addunyaan hundi Ifa argate Waggaadhan nu gahi ilma Maariyaamii/2/ Eegde biyya keenya Nagaadhani... Nu gahi Eegde hunda keenya Banee hafuu irraa Balaa hamaa irraa Eegitoo nu gahi Yaa ilma Maaramii Bara dhufus geenye Jaalalaan wal taane Mana keet argamne Akka si faarfannu Gaabbiin qulqulloofne Mootummaa kee dhaalu Kiristaanonni hundi Cimnee amantiini Kadhannaadhan cimne Jaalalaan dhaabannee Inni nu haa gargaaru Isa wajjin jiraachuuf Nu gahi/3/ nagaadhani ==•|•== Faaruu Buhee 👇👇follow us ╔═════════════╗ ♨️ ⚪️ @OrtoOroKoon ♨️ ╚═════════════╝ + @Faarfataa #share
18
5
3