EYOB TECH: post #4494 — TG.ME

📣Guyyaan Qabxiin Qormaata Kutaa 12ffaa Itti Ifoomu fi Sagantaan Barumsa Yunivarsiitii Ifa Ta'e!

✅Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa ibsa dabalataa laataniin, qabxiin qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 (A.L.I) guyyaa Wiixataa ykn Kibxataa ganama barattootaaf gadhiifamu ta'uu beeksisaniiru.

Link ittin ilaallattan akkuma MoE qabxii gadi dhiisetti isinif maxxansa

✅Adeemsa simannaa barattoota haaraa ilaalchisees, jalqaba irratti Yunivarsiitiin Finfinnee fi Yunivarsiitiiwwan Saayinsii fi Teeknoloojii ulaagaa isaaniitiin barattoota erga filatanii fi simatanii booda, yunivarsiitiiwwan hafanis saffisaan waamicha barattootaa akka taasisan qophiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

✅Tarkaanfiin saffisaa kun kan barbaadameefis, sagantaa idilee qabame eeguuf yoo ta'u, barnoonni dhaabbilee olaanoo bara 2019 (A.L.I) akkaataa karoorfameen Fulbaana 05 akka eegalamu gochuuf hojjetamaa jiraachuu piroofeesarichi hubachiisaniiru.

✅Hunda keessanif result Gaarii isinif haa ta'u ‼️

📱@Eyob_Tech
❤6👍5🔥1🥰1
August 23, 2026 931 4