Shamara dubrummaa qabdu irraa dhiigni marsaa laguu eessan gara alaatti baha?
****
Shamarri dubrummaa qabdu takka dhiigni laguu ishii kan gadi dhangala’u uraawwan uumamaa dubrummaa (hymen) irratti argamuun yoo ta'u, dubrummaan uumamaan guutummaatti seensa qaama saalaa cuftee hin jirtu.
Akkuma saayinsiin fayyaa ibsutti, dubrummaan caasaa haphii submukosaalii uraa tokko ykn isaa ol qabdu yoo taatu, dhiigni laguu gadameessa keessaa maddee seensa qaama saalaa keessa dabarsitee uraawwan xixiqqoo dubrummaa irratti uumamaan argaman kanaan salphaatti gara alaatti dhangala’a.
Haalli kun dubartiin takka dubrummaa qabaattus qabaachuu baattus dhiigni laguu ishii rakkoo malee akka gadi bahu kan dandeessisuudha.
Yoo dhalootaan dubrummaan sun guutummaatti duudaa taatee uumamuun (imperforate hymen) dhiiga laguu yoo ittiste malee, dubrummaan idilee (noormaalli) dhiiga laguu dhangala'uu hin dhoowwitu.
Suuraan: Dubrummaa (hymen) caasaa haphii suuraa irratti agartan kana fakkaata.
Ulfaadhaa! Fayyaan faaya!
©️ Dr. Hamzaa Jamaal
https://t.me/Dr_heeraan_2


