๐“•๐“ž๐“ก ๐˜š๐˜ต๐˜ถ๐˜ฅ๐˜ฆ๐˜ฏ๐˜ต๐˜ด: post #777 โ€” TG.ME

Caamsaa 6/2018 ๐Ÿ‘‹Oduu Gammachiisaa Barattoota kutaa 12ffaatiif: Barattoonni Kutaa 12ffaa bara kana qoramanu Caamsaa 7/2018 ganama sa'aa 3:00 irraa hanga guyyaa qormaataatti Desktop, Laptop, Tablet fi Mobile Phone fayyadamuun Qorumsa Biyyoolessaa shaakaluu akka dandeessan Tajaajilli Qormaataa fi Madaallii Barnootaa beeksisee jira. ๐Ÿ‘‰Tartiiba hordofamuu qabu: 1. Barattoonni Naannoo Oromiyaa liinkii exam1.ethernet.edu.et jedhu cuqaasuun seenaa 2.Bakka 'User name' jedhutti Lakkoofsa Admiishinii (Admission Number) Kaardii Seensa Galma Qormaataa (Admission Card) gubbaa jiru itti galchaa. Admission Card keessan Mana Barnootaa keessan irraa argattu. 3. Bakka 'Pass word' jedhutti 1234 galchaa Tajaajilichi gaaffilee ittiin shaakaltan yeroo yeroon marsariiticharratti kan fe'aa deemu tahuu beeksisee jira.

May 15, 2026 93