Biiroo Pabliik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa: post #159 — TG.ME

Amajjii 21/2016
Biiroon Pabliik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa raawwii hojiiwwan caasaa biirichaa ji'oota jahan darbanii bakka hoggantootni Waajjiraalee PSMQN godinaaleefi Bulchiinsa Magaalotaa argamanitti Magaalaa Adaamaatti geggeessaa jira.

Biirichi raawwii hojii ji'oottan jahan darbanii kan caasaa biirichaa hanga Aanaatti jiruu bakka hoggantootni Waajjaraalee PSMQN godinaalee fi Bulchiinsa Magaalotaa hirmaatanitti kan geggeessaa jiru yommuu ta'u gabaasa raawwiin hojii caasaa biirichaa Biiroon PSMQN Oromiyaa dhiyeesse irratti mariin taasifamaa jira.

Kabajamtoota maamiloota keenya, odeeffannoo dabalataa jiru booda kan isiniif maxxansinu ta'a!
#BPSMQNO'tti Daayirektoreetii Dhimmoota Kominikeeshinii
👍63❤25👏4
January 30, 2024 12.6K 4