Amajjii 15/2016
Oromiyaa dijitaalomte uumuuf ogeeyyiin Tekinoolojii Qunnamtii Odeffannoofi Ragaa Qabeenya Namaa gahee isaanii sadarkaa olaanaadhaan bahachuu akka qaban Biiroon Pabliik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa hubachiiseera.
Leenjiin shaakala hojii dijitaalaayizeeshinii (digitalization in practice) irratti xiyeeffachuun ogeeyyii Tekinoolojii Qunnamtii Odeeffannoofi ogeeyyii Ragaa Qabeenya Waajjiraalee Paabliik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa godinalee Hor/Gud/Wallaggaa, Gujii Bahaa, Boorana Bahaafi Aanaalee godinaalee kanaa 33 ta'aniif Amajjii 14-15/2016'tti kennamaa ture wayita xumuramu, Itti Aanaan Hogganaafi Itti Gaafatamaan Damee Siviil Sarvisii biirichaa Ob.Yaaqoob Taaddasaa akka hubachiisanitti, Oromiyaa dijitaalomte uumuuf ogeeyyiin Tekinoolojii Qunnamtii Odeffannoofi Ragaa Qabeenya Namaa Naannichaa gahee isaanii sadarkaa olaanaadhaan bahachuu qabu.
Mul'ata Oromiyaa dijitaalomte uumuuf karoora Mootummaan Naannoo Oromiyaa qabatee hojjataa jiru milkeessuuf Biiroon Pabliik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa abbootii adeemsaa, dursitoota garee, fi ogeeyyii Misooma Qabeenya Namaa fi ogeeyyii Tekonoolojii Qunnamtii Odeeffannoo caasaa biirichaa, akksumas, manneen hojii mootummaa sadarkaa adda addaatti argamanuuf Sirna Odeeffannoo Siviil Sarvisii Qindaa'aa (ICSMIS) irratti leenjii kennaa turuu isaa Ob.Yaaqoob dubbataniiru.
Leenjiin shaakala hojii dijitaalaayizeeshinii amma geggeeffamu kun hojii Oromiyaa dijiaalomte uumuuf raawwatamu akka ta'e kan eeran Ob.Yaaqoob, ogeeyyiin leenjichatti hirmaatan hundi gadi bu'uun hojii kana miira itti gaafatamummaa olaanaatiin raawwachuu akka qabanu hubachiisaniiru.
Biyyi keenya guddachuuf wantoota shaniif xiyyeeffannaa kennitee hojjataa kan jirtu yommuu ta'u, isaanis qonnaa, industirii, TQO, Albuudaa fi turuzimii ta'uu Ob.Yaaqoob addeessaniiru.
Dhimma mootummaan itti xiyyeeffate keessaa TQO'n qaroomina Addunyaa faana adeemuuf murteessaa waan ta'eef, ogeeyyiin isaan ilaallatu ciminaan hojjachuu akka qaban Ob.Yaaqoob hubachiisanii, hoggansi manneen hojii deggersa barbaachisu hunda akka taasisu waamicha dabarsaniiru.
Ogeeyyiin leenjichatti hirmaatan yaada kennaniin, leenjii dijitaalaayizeeshinii fudhataniin hubannoofi dandeettii guddaa argatan hojiitti hiikuuf kutannoon kan hojjatan ta'uu dubbataniiru.
Leenjichatti ogeeyyiin ragaa qabeenya Namaafi ogeeyyiin TQO Waajjiraalee Pabliik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa godinaalee sadiifi aanaalee 33 keessaa baba'an 140 ta'an hirmaataniiru.
34
10January 24, 2024 11K 5