Ambo university students' union: post #4413 — TG.ME

🔥 CHALLENGE QARSHII 100 🔥

📚 “Donate School Materials and Build a Brighter Future”

Gamtaan Barattoota Yuunivarsiitii Amboo, hojiilee tajaajila hawaasaa gara garaa barattoota waliin hojjechaa turuun isaa ni yaadatama.

Amma yeroo boqonnaa kanaattis, nyaata keessan irraa hir’isuun gumaacha taasistanii kan turtaniin  ijaarsa mana harka qalleeyyii xumursiisuuf hojjechaa jirra. 🏠❤️

Dabalataanis, mata duree “Donate School Materials and Build a Brighter Future” jedhuun, har’a galgala irraa eegalee barattoonni mooraa jiran gumaacha meeshaalee barnootaa irratti hirmaachaa nii eegalu. 📚🎒

Kanaafuu, barattoonni keenya  boqonnaa irra jirtan hundis Challenge Qarshii 100 kana keessatti hirmaadhaa! 💯

Barattoota hedduun hanqina meeshaalee barnootaa irraa kan ka’e barnoota isaanii addaan kutuuf jedhan bira haa dhaabbannu. Gumaacha xiqqoo keenyaan abdii isaanii haa deebisnu. 🤝❤️

💯 Qarshii 100 qofa — garuu jireenya barataa tokko keessatti garaagarummaa guddaa uumuu danda’a!

📢 Barattoonni Medicine mooraa jirtanis, challenge kana keessatti hirmaadhaa!

Bara barnootaa 2018, barattoota hanqina akkanaa qaban 65 ol gara barnootaatti deebisnee turre. 🎓❤️

Bara kanas waliin ta’uun 65 ol deebisuu ni dandeenya!

Tokkummaan keenya humna keenya. 🤝

👉 Ammuma dandeessan hirmaadhaa!
👉 Hiriyoota keessanis waamaa!
👉 Gumaacha keessaniin barataa tokkoof abdii haa taanu!

🏦 ACCOUNT NUMBER
1000769476036

Maqaa: Tadesse, Liul & Ezedin

📌 Hubachiisa: Lakkoofsi herregaa kun jalqaba irratti ijaarsa manaaf baname. Amma immoo hojii tajaajila hawaasaa kanaafis itti fayyadamaa jirra. Kanaaf, gumaacha keessan as irratti haa ta’u.

📸 Erga gumaacha keessan galchitanii booda, screenshot godhaa Telegram irratti ergaa:

👉 @Eza2dn
👉 @EzdnMuhdn

#students union
❤11😢1