Ambo university students' union: post #4367 — TG.ME

Harka fuune akkam jirtu? Bakka jirtan maratti nagaan waaqaa isiniif yaa ta'u. Yeroo boqonnaa keessanii haala gaarin akka dabarsaa jirtan abdii qabna.
Akkuma beekkamu wayitiin gannaa wayita lammii ofiitif tola oolaniidha. Maarree nutis yeroo boqonnaa kanatti imaanaf hoji manee isin irraa fudhannee galmaan gahutti jirra. Barattoonni keenya kan mooraa guddichaa bara kana sagantaan nyaata foonii kan guyyaa afurii deeggarsa namoomatiif mallatteessun keessan ni yaadatama. Qarshiin deeggarsa barattoota kenyaaf akkasumas qaamolee birootif oolee irraa hafe yeroo amma kanatti mana nama harka qalleeyyii tokkoo ijaaraa jira. Ijaarsi mana kanaa haala bareedaa irra kan jiru yoo ta'u, yeroo gabaaba keessatti xumuramee dabarfamee nama harka qalleeyyi kanaaf akka kennamu abdii qabna.
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
Kanaaf galanni kan Uuma,kan barattoota keenyaa,kan koree ijaarsa mana kanaa akkasumas kan Yuunivarsiitii Ambooti.

Suurawwan armaan gadii kun adeemsa jalqabaa haga ammatti jiru agarsiisa.
----‑-----------------------------------------------------------------------
በያላችሁበት ሁሉ የእግዚአብሔር ሰላም ከእናንተ ጋር ይሁን። በእረፍት ሰዓታቹ ጥሩ ጊዜ እንደምታሳልፉ ተስፋ እናደርጋለን። እንደሚታወቀው ክረምት ለዜጎች የበጎ ፈቃድ አገልግሎት የሚሰጥበት ጊዜ ነው። ስለዚህ በዚህ የእረፍት  ሰዓታችን ከእናንተ የቤት ስራ የወሰድነውን እየተወጣን እንገኛለን። እንደምታውቀው በዋናው ግቢ የሚገኙ ተማሪዎቻችን ዘንድሮ የአራት ቀናት  የስጋ ፕሮግራም ቀርቶ ለተለያዩ ድጋፎች እንዲዉል አድርጎዋል። ከተማሪዎቻችን እና ከሌሎች ሰዎች ድጋፍ የተረፈው ገንዘብ ለአንድ አቅማ ደካማ   ሰው ቤት እየገነባ ይገኛል። የዚህ ቤት ግንባታ በጥሩ ሁኔታ ላይ የሚገኝ ሲሆን በቅርቡ ተጠናቆ ለዚህ ምስኪን ሰው ይተላለፋል ብለን ተስፋ እናደርጋለን።
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏 
ምስጋናችን ለፈጣሪ ፣ ለተማሪዎቻችን ፣ለግንባታ ኮሚቴው እና ለአምቦ ዩኒቨርሲቲ ይሁን።
ከታች ያሉት ስዕሎች ከመጀመሪያ እስካሁን ድረስ ያለውን ሂደት ያሳያሉ።
❤17👍8
July 22, 2026 5.5K 1